Team

We are a Qeerroo and Qarree team of talented oromo professionals with a wide range of skills and experience. We love what we do, and we do it with passion. We look forward to working with you.

Jaal Marroo

OLA chief

Ajajaa WBO Zoonii Lixaa Marroo: ‘Walitti bu’insi gama lachuunu bu’aan argamsiisu tokkollee hin jiru’

28 Muddee 2018

Addi Bilisummaa Oromoo mootummaa waliin waliigaltee yeroo raawwatu biyyattiifis tahe naannoo Oromiyaa tasgabbeessuuf akka tarkaanfii guddaatti ilaalamuus waanti yaadame garuu tahaa hin jiru.

Irra-deddeebbiin wal himachuu, waligalteen taasifame ifa tahu dhabuufi ajjeechaan bakkaa bakkatti dhalatu nageenya ummataa jeeqaa jira.

Erga MM Abiy Ahimad aangoo qabatani bakkeewwan naannoo Oromiyaa kamuu caalaa kara Lixa biyyattii nageenyi dhibeera.

Aanga’oonni mootummaa rakkoo kanaaf waraana ABO lixa buufatee jiru himatu.

Erga ABO’n Finfinneetti deebi’e as gama Lixa biyyattiin maqaan isaa irra deddeebbiin kan dhagahamaa jiru ajajaa waraana ABO Zoonii Lixaa Kumsaa Dirribaa ykn Marroo waliin turtii addaa taasifneerra.

Akka asin gaditti dhihaata.

Presentational grey line

BBC: Isin eenyu?

Marroo: Marroon jedhama. Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo kan godina Lixaati.

BBC: Odeeffannoo qabnuun barataa yunivarsiitii akka turtan, bara 2003 barataa maanejimantii digirii jalqabaa Yunivarsiitii Finfinnee turtan. Kuni dhugaadhaa?

Marroo: (seeqa) ..ani egaa amma waraana. Waanuma waraanaa yoo irraa na gaafatte hin wayyuu?

BBC: Kaayyyoon waraana gama Lixaa jiru maali jedhani kan gaafatan baay’eedha. Kaayyoon isaa maali?

Marroo: Fedhiin Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) uummata Oromoo irraa waan adda ta’e miti. ABO saba Oromoof jecha dhaabbate.

Waan saba Oromoof dhaabbate kana ittin tiksuuf immoo waraana ijaarrate.

Waraanni isaa immoo WBOdha. Kanaafuu, WBO fedhii ABO rakkoo Oromoo furuufi sadoo Oromoo tiksuuf dhaabbate sana ka tiksu qaama jaarmiyaa dantaa jiran keessaa isa waraanaa jechuudha.

Kanarraa kaase, waraanni bilisummaa Oromoo addatti fedhii of danda’e mataa isaa hin qabu. Fedhii ummata Oromooti tiksa.

Fedhii Addi Bilisummaa Oromoo ummata Oromoof tiksuuf dhaabate tiksa, kanuma.

BBC: Kanaan dura gama Lixa Oromiyaatti akka Obbo Daawud waliin wal agartani dubbattan quban qaba. Maal mari’attan?

Marroo: Jaal Daawud Ibsaa Hayyu duree Adda Bilisummaa Oromooti akkasumas ajajaa olaanaa Waraana Bilisummaa Oromooti.

Yeroo hundayyuu waan dhaaba keenyaa irrattiifi adeemsa ittin adeemnu irratti karaa adda addaa mari’anna.

Kan yeroo darbe jaal Daawud gara keenya dhufani haasofnes waan adda tahe hin qabu. Mariidhuma dhaabichi yeroo hundaa wal mari’atu.

BBC: Waraanni Lixa jiru ajajaa Obbo Daawud jala hinjirani jedhu. Isin ajaja Obbo Daawud jala hin jirtanii?

Marroo: Kuni gaaffii ati nagaafachuullee hin malle. Ammoo erga nagaafatte deebii gabaabaa tokko siif kenna.

Jaal Daawud Ibsaa Ayyaanaa hayyu duree Adda Bilisummaa Oromooti. Dhaabni Bilisummaa Oromoo immoo qaama Adda Bilisummaa Oromoo dameelee jiran keessaa damee waraanaati.

Kanaaf, namni kana jedhe akkas jedhe kan jedhu hundaaf deebii deebisaa ooluun yeroo ofii gubuudha.

Gabaabumatti garuu Waraanni Bilisummaa Oromoo zoonii Lixaa waraana zoonii kaan jiran dabalatee kan inni taliigamuufi hogganamu, ajaja irraa fudhatu hayyu duree ABO jaal Daawud Ibsaati.

Wanti adda ta’e hinjiru. Ummanni Oromoo hundi kabeeku, 1fi 1 meeqa jedhani nama gaafachuu irraa waan adda ta’e miti jechuudha.

BBC: Gidduu kana miidiyaa hawaasummaa irratti wanta isintu dubbate jedhame gara daqiiqaa 48 kan dheeratu ibsa isin waraanaaf kan ergaa dabarsitan fakkaatun namoonni walii qoodaa turani. Kun sagalee keessanii?

Marroo: Abbumti waan kana maxxanse, social media (miidiyaa hawaasummaa) irratti baase akkaataa itti argate ibsuurraa ka’e anamoo ana miti inni adda siif baasuu danda’a.

Han kanaan achii, nuti waan kana waraabnee maxxansinu, waraabne namaa kenninullee hin qabnu.

BBC: Karaa nagaadhaan qabsaa’uudhaaf ABO’n mootummaa waliin waliigale Fulbaana keessatti biyyatti galuun isaa ni yaadatama. Akkasumas magaalaalee adda addaatti waajjira banaa jira. Gama kaaniin waraannis immoo ni jira. Waajjira banachaa waraana leenjisuun waliin deemaa? Kana akkamin ilaaltu?

Marroo: Dhaaba qabna. Anaan akka dhuunfaatti yoo nagaafatte, anaafi sii yaada dhuunfaa kiyyaa siif hiruurraan kan hafe dhimma dhaabichaa waligalaa jaarmiyaatu deebii itti kenna waan ta’ef …ibsa dhaabni nuuf kennu karaa nudhaqqabeen hojiitti hiikna.

BBC: Hoggantoota dhaabicha irra-deddeebbiin gaafanneerra. Yaada keessan dhagahuu waan barbaadeefin isinitti bilbile. Dhimma waraana kaampiitti seensisu irratti yaadni keessan maali?

Marroo: Waa’ee maatii tokko kan maatii sana utubutu murtii kenna. Kanaaf, waan hangana salphataati.

Anaan akkasitti nagaafachuurra kaampiitti haa deebi’u diida haa taa’u inni kuni murtii waliigalaa jaarmiyaa Addi Bilisummaa Oromoo murteessu sanuma hojiitti hiiku.

Kanaaf kaampiitti hin gallaa hin galluu ani waan si deebisu miti. Murtii kiyyallee miti siin jechuu barbaade.

BBC: Hoggantoonni Godina Kaamaashii ajjeefamuun isaaniin walqabate lammiileen buqqa’aa turan. Ajjeechaan sukaneessaa mudataas ture. Ajjeecha hoggantoota kanaaf kan itti gaafatamu ABO dha jechuun qondaaltonni Benishaangul akkasumas dhiheenya immoo Obbo Lammaa Magarsaan dubbataniiru. Waraanni keessan kana raawwateeraa?

Marroo: …Inni kun yeroo hundaa himannaa dhaabni tokko himatu qofa. … Qaamni hidhatee jiru naannoo kanarra heddu.

Gama Gumuzin yoo ilaalte, gama mootummaan yoo ilaalte, gama keenyaanis yoo ilalate humni naannoo kanatti kallattii adda addaarra hidhate sosso’u hedduu ta’e keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo qofaatti quba qabuuni hin danda’amullee, hin taatulle.

Wanti suni qaama walabaa qorate bakka yakki jiru baasu danda’u qofaatu isa kana baasuu danda’a.

BBC: Waraanni Lixatti ajaja ABO jala jiru ykn immoo WBO caasaa mootummaa diiguu, meeshaa milishaa jalaa fudhachuufi kaan dalageera jechuun bulchiinsi mootumma naannoo Oromiyaa himata? Isin akka ajajaa waraanaa Lixaatti deebii akkami qabdu?

Marroo: Lolarra turre, lolatti jirra. Wal waraanaa turre. Wal waraana keessa wanti walii hilan hin jiru.

Wal waraana keessa caasaa mootummaa siwaraanu bulchinsasaa, milishaa, poolisii, waraana hundumaa, tika, basaasa diiguun dirqamuma ta’a. Diigamaa ture.

Haalli kuniyyuu dirqe jennaan mootummaan wanti kuni itti fufu hin qabu karaa nagaallee xumuranna jedhamnaan gara nagaatti deemame.

Gara nagaatti erga deemame garuu dhukaasa dhaabu walii mallatteeffametu jira. Dursine waraana dhaabuu labsine.

Mootummaanis hin fudhate. Erga dhukaasa walirraa dhaabu mallattaa’e wanti kun takkaa hin taane.

Naamusa waraanni qabaatu qabuuni WBO dachee kanaan dura bilisoomsetu jira. Sanarra qubateetuma taa’a.

Haa ta’u malee, dhukaasa dhaabun yeroo hundaa cabaadha jira. Mootummaan sababoota adda addaa hin taane dhiheeffachuun waraana yeroo hundaa sochoosuutu mul’ata.

Waraanni Bilisummaa Oromoo akka kanaan duraa lola ofii filate mootummaa waraanaa turetti mootummaa waraanaa hin jiru.

Garuu, bakka qubanne jirrutti waraanni mootummaa yeroo nutti sosso’u ofirraa ittisuutu dirqama ta’aa jechuudha.

Kanaan dura lolarra turame. Wal waraanaa turre. Kan lolli dhaabbateera jedhame asitti garuu wanti kuni himannaa dharaarraa kan hafe sababa ittiin waraana kana irratti dhukaasa banuuf qophii tolfame yoo ta’erraa addatti caasaan akkasitti diigames hin jiru.

BBC: Mootummaan sababa rakkoo nagenyaaf gara Lixaatti waraana bobbaasaa tureera. Miidhaa hangamii isin irraa geessise yookiin immoo walitti bu’insa akkamiitu dhalate?

Marroo: Walitti bu’iinsa kana keessatti nuti waraana waan dhufe ofirraa ittisuuf nidandeenya. Ga’umsa isaas dandeettii isaas qabna.

Wareegama kanfaluf qophiidha. Gidduu kanatti garuu kan miidhamaa jiru ummata Oromoo naannoo kana jiru.

Yeroo hundaa waraannii WBO fi mootummaa gidduutti adeemsifamu miidhaan isaa guddaan ummata Oromoo irratti.

Waraanni Bilisummaa Oromoo akka waraanaatti dhukaasa dhaabu akkuma kabajetti jira. Garuummoo, humna irratti bobba’e ofirraa ittisuutti argama. Ofirraa ittisuttis jira.

Inni kuni garuu gama lachuunu bu’aan argamsiisu tokkollee hin jiru. Asiinis koottu achiin kan ajjeefamaa jiru Oromoo.

Kan hir’ataa jirus lakkoofsa ilmaan Oromooti. Kan waraana mootummaa keessaa irri guddaan isaa asitti bobbaafame jiru ijoollee hiyyeessaa waraanatti galchanidha. Bu’aa nubuusuus hinqabu.

BBC: Waraanni Bilisummaa Oromoo lafa hangami to’ateera gama Lixaatiin?

Marroo: Ummata Oromoo zoonii Lixaa jiru gaafachuu dandeessa.

BBC: Duratti, waldhabdee mootummaafi Waraana Lixa jirutti kan miidhamu ummata jettanittu. Kanaaf falli maali?

Marroo: Gamnummaa yookaani barcuma siyaasaa kan dhuunfaa ofii tikfachuuf jecha shira adda addaa dalaguu osoo hintaane bu’aa ummata Oromoo yoo dursine rakkoon kuni halkan tokkotti furmaata argata.

Yoo bu’aa ummata Oromoo caalaa bu’aa barcuma aangoo siyaasaa tiksuuf hojjenna taate garuu yoomiyyuu furmaata hinargatu.

BBC: Mootummaa Ministira Muummeen durfamu kana akkamin ilaaltu?

Marroo: Ija lachuu nan qaba jechuu kooti. Ijuma namni ilaaluun ijuma lamaan ilaala mootummaa kana.

BBC: Hubannoo, yaada keessan jechuu kiyya.

Marroo: Kun ilaalcha dhuunfaa kiyya egaa ibsachuu dhiisuu mirga nan qaba natti fakkaata dhiifama waliin.

BBC: Ministirri Muummee erga gara aangootti dhufani as akka biyyatiittuu deeggarsa bal’aa akka qabanitti amanama. Jijjiirama hedduus akka fidanitti amanama.

Haala amma jirun dirreen siyaasaa bal’ateera meeshaa qabatani laga seenani qabsaa’uun hin barbaachisu yaada jedhu xinxaltoonni siyaasaafi hoggantoonni siyaasaa ni dubbatu. Yaadi keessan maali?

Marroo: Waa’een waan kanaa kan deebii siif kennuu danda’u qaama olaanaa dhaaba kenyaati siin jedheera.

Akka yaada dhuunfaa kiyyaatti waan hedduu siin jechuu nan danda’a. Sun yaada mataa kiyyaati ta’a malee yaada jaarmiyaa kiyyaa ibsuu dhiisuu ni danda’a.

BBC: Adda Bilisummaa Oromoo gaaffii uummata Oromootu dhalche. Waggaa dheeraafis qabsaa’aa ture. Haala amma jirun Oromoon bilisoomeera jettanii yaadduu? Yoo hin bilisoomne jettanimmoo yoo maal ta’e bilisooma?

Marroo: Gaazexessaa ati Oromoo. Bilisumma jechuun siif maali? Ofikee bilisomteettamoo hin bilisoomne?

BBC: Gaaffii ummataan gaafachaa jira gaaffii dhuunfaakoo miti.

Marroo: Akka mataa kiyyaatti ani bilisummaa mataa kiyyaa hin qabu. Sabnimmoo kan isaa deebii itti kennachuu ni danda’a.

BBC: Gama Lixaatiin waraanni haaraa leenji’aa jira namoonni hedduun bosona seenaa jiru yaadi jedhu gama mootummaatin ni ka’a. Dhimma kana irratti yaadni keessan maali?

Marroo: Leenjiin adda ta’e erga lolli dhaabachuun labsame asitti ta’aa jiru tokkolleen hinjiru.

BBC: Kanaafuu namni haaraas leenjii fudhachuuf kan isinitti dabalame hin jiruu? Ergasi kan lakkoofsi isaa dabale hin jiruu?

Marroo: Suni hin jiru. Lakkoofsuma uummata Oromoo zoonii kana jiru ofirraa faccisaa jiruurraa kan hafe namni addaa bakka biraarraa dhufe leenjii nubiratti fudhataa jiru hin jiru.

Jaal marroo

Jaal Sanyii

Ola southern chief

Jaal Golicha

Ola eastern and central cheif


Want to work with us?