Oduu Afan Oromo

Afgaanistaan: Taalibaan wayita mootummaa haaraa ijaaru masaraa mootummaa keessatti wal-dhaban

16 Fuulbaana 2021 Ibsa waa'ee suuraa,Mullah Abdul Ghani Baradar Taalibaan bakka bu'uun loltoonni US Afgaanistaan keessaa akka ba'an irratti waliigaltee Dohaa nama mallatteessedha Aanga'aa gameessi Taalibaan BBC'tti akka himetti, wayita mootummaa haaraa hundeessuuf masaraa mootummaa turanitti garee kana gidduutti waldhibdee cimaan mudateera. Namoota Taalibaan hundeessan keessaa tokko kan ta'ee fi yeroo garaagaraatti garicha bakka bu'uun… Continue reading Afgaanistaan: Taalibaan wayita mootummaa haaraa ijaaru masaraa mootummaa keessatti wal-dhaban

BREAKING NEWS, Oduu Afan Oromo

Xalayaan ‘miiliyoona shan’ Itoophiyaa irraa Pireezidant Joo Baayideniif barraa’u maal hima? Uummata Itiyoophiyaa miliyoona 120 bakka bu’uu danda’aa?

Dargaggootni paartii badhadhinaa akka biyyaaleessaatti socho'uun haala qabatamaa biyyattiin keessa jirtu hubachiisuuf utuu hin taanee rakkoo ofiin uumaan qaama alatti quba qabuuf jechaa, xalayaa miliyoona shan gahu sochii ''Poostaa Adii Masaraa Mootummaa Adiif'' jedhuun barreessuun mootummaa Ameerikaatti erguuf abjootaan . Qindeessaa abjuu kanaafi daarekterra 'Youth Empowerment Ethiopia' Obbo Alamaayyoo Seefuutti shira biyyattii keessatti hojjechaa turan dhoksuuf ameerikaa… Continue reading Xalayaan ‘miiliyoona shan’ Itoophiyaa irraa Pireezidant Joo Baayideniif barraa’u maal hima? Uummata Itiyoophiyaa miliyoona 120 bakka bu’uu danda’aa?

Oduu Afan Oromo

Dhaabbanni Balenciaga kofoo gadi siqee uffatamuun wajjin paantii hodhee mashinii jedhe dhiyeessuus jibba sanyummaa gurrachoota waan qabuuf irratti duulame

15 Fuulbaana 2021, 09:40 Ibsa waa'ee suuraa,Balenkiyaagaa Tiraampe L'Oeil halluu diimaan Manni faashinii beekamaan Balenciaga jedhamu paantii doolaara 1,190'n gurguru aadaa warra gurraachaa cabse jedhamuun qeeqame. Paantii gabaabaan kofoo jalatti uffatamu Trompe L'Oeil jedhamu mudhii irra ol butamuun, kofoon ammoo gadi siqii uffatamu weellistoota Hip Hooppiin ture kan akka faashiniitti beekame. Maxxansi TikTok paanticha sanyummaa… Continue reading Dhaabbanni Balenciaga kofoo gadi siqee uffatamuun wajjin paantii hodhee mashinii jedhe dhiyeessuus jibba sanyummaa gurrachoota waan qabuuf irratti duulame

BREAKING NEWS, Oduu Afan Oromo

Irreechi baranaa Fulbaana 22 hora Finfinneetti, Fulbaana 23 ammoo hora Harsadiitti’akka duraanitti’ nama hunda hirmaachisee kabajama – Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa

Irreechi malkaa hora Finfinnee fi Hora Harsadii bara 2021 uummata Oromoo biyya keessaa fi alaa mara akkasumas sabaa fi sab-lammoota haala hirmaachiseen akka kabajamu murteessuu Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo beeksise. Ibsa waa'ee suuraa,Kabaja Irreechaa 2020 suuraan "Akka duraaniitti, odoo waan tokko keessaa hin hafiin, qeerroon qarreen, jaarsaa jaartiin haa irreeffatu kan jedhu murteessiine," jechuun Abbaan… Continue reading Irreechi baranaa Fulbaana 22 hora Finfinneetti, Fulbaana 23 ammoo hora Harsadiitti’akka duraanitti’ nama hunda hirmaachisee kabajama – Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaa

Oduu Afan Oromo

Ig Nobel Prize: Qorannoon warseessa garagalchanii fannisan Badhaasa Noobeelii qoosaa mo’ate

Qorannoon warseessa (rhino) gadi garagalchanii fannisuun dhiibbaa akkamii akka isaan irraan gahu ilaaluuf itti yaalan, badhaasa Noobeelii Ig baranaa keessaa tokko mo'ate. Badhaasonni kaanis qorannoo baakteeriyaa maastikaa alanfatan lafarra maxxane keessa jiru, akkasumas qorannoo ilbisoota doonii bishaan jala deemu (submarine) irratti taasifameef kennaman. Badhaasni kan qoosaati jedhaman kunniin, akka badhaasa Noobeelii isa kaanitti beekamaa miti.… Continue reading Ig Nobel Prize: Qorannoon warseessa garagalchanii fannisan Badhaasa Noobeelii qoosaa mo’ate

Oduu Afan Oromo

Keeniyaatti sababa beelaan ijoolleen baala hadhaa’aa nyaachuu eegalan

Sababa gogiinsaan beela maatii hedduu miidhaa jiruun Keeniyaa bulchiinsa Kilifii keessatti namootni 20 ol hubamanii hospitaala kan seenan yoo ta’u, namni tokko ammo lubbuun darbeera. Naannichatti namootni 250,000 ta’an haala hamaa keessa akka jiran anga’ooti naannicha ibsaniiru. Margi waan jirreef loon hedduunis dhumaniiru. Haatii ijoollee saddeetii, Kahundaa Shikarii Kombee, muka Mitunguruu jedhamu kan yeroo gogiinsaa… Continue reading Keeniyaatti sababa beelaan ijoolleen baala hadhaa’aa nyaachuu eegalan

BREAKING NEWS, Oduu Afan Oromo

TUFAA FI GOOBANAA: Akkamitti gowwummaan, mana diinaa siin dhaqaa?

TUFAA kudhaamni waadaadhaa, odoon nurra jiruu, akkamiitti ofirraa kuttee, alagaatti galte? yoom fi eessatti walbartanii, akkanatti amante? Natti himi dhiiga koo, natti himi fira koo. siinan jedhaam yaa abbaa waraanaa koo. Yaa abbaa duulaa loleefi lolchiisaa koo Maal adaraa aabboo guddaa fi Waaqaa, Adaraa Dacheefi ruda Saaqaa maal jaallee,sanyii abbaa muudaa, akkamitti gowwummaan, mana diinaa… Continue reading TUFAA FI GOOBANAA: Akkamitti gowwummaan, mana diinaa siin dhaqaa?

English News, Oduu Afan Oromo

FBI releases declassified 16 page newly record on September 11 attacks

Document describes contacts the hijackers had with Saudi associates in the US but offers no evidence the Saudi government was complicit in the plot. In this Tuesday, September 11, 2001 file photo, thick smoke billows into the sky from the area behind the Statue of Liberty, lower left, where the World Trade Center towers stood… Continue reading FBI releases declassified 16 page newly record on September 11 attacks

Oduu Afan Oromo

Ayyaana Waggaa Haaraa Itiyoophiyaa fi Ertiraatiif Dhaamsa Prezidaant Baayiden Dabarsan 

Faayilii - Pirezdaant Joo Baayiden “Itiyoophiya fi Ertiraadhaaf akkasumas lammiwwan Ameerikaa hidda dhalata Itiiyoophiyaa fi Ertiraa kumootatti lakkaawamtan dabalee guutummaa addunyaa irraa ayyaana waggaa haaraa kabajattan maraaf anii fi Jiil hawwii guddaa qabnu isiniif ibsaa baga ittiin isin gahe jenna!” jechuudhaan Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden maqaa ofii fi haadha warraa isaaniitiin kaleessa galgala dhaamsa… Continue reading Ayyaana Waggaa Haaraa Itiyoophiyaa fi Ertiraatiif Dhaamsa Prezidaant Baayiden Dabarsan 

Oduu Afan Oromo

TIBBANA: Reeffa laga Takkazeetti argaman ilaalchisuun Sudaan ambaasaaddara Itoophiyaa waamtee gaafattee turte

Reeffi 30'tti siqu baatii tokko dura laga Takkazee keessatti argamuu isaa hordofee Sudaan ambaasaaddara Itoophiyaa Kaartumitti argamu waamtee gaafachuun ishee himame. Sudaan ambaasaadar Itoophiyaa waamtee yeroo dubbistetti reeffi namoota 29 laga Takkazee keessatti argamee kan dhalattoota Tigraay ta'uu isaa ambaasaaddarichaaf ibsuu ishee Reuters ministeera dhimma alaa Sudaan eeruun gabaaseera. Torbanootaan dura reeffi namoota rasaasaan dhahamaniifi… Continue reading TIBBANA: Reeffa laga Takkazeetti argaman ilaalchisuun Sudaan ambaasaaddara Itoophiyaa waamtee gaafattee turte

Oduu Afan Oromo

Siyaasaa Itoophiyaa bara 2013: Waraana Tigraay, Hidha Abbayyaa, filannoo, hariiroo alaa ….

Fuulbaana 2021 Ibsa waa'ee suuraa,Bara 2013 keessa michoonni Itoophiyaa irra deddeebbin ibsa baasaa ''yaadda'uu'' ibsaa turan Barri 2013 xumuramaa jiru taateewwan gurguddoo garaa garaa biyya keessa qofaa osoo hin taane sadarkaa idil - addunyaatti Itoophiyaa ijoo dubbii taasise itti mudateera.Barri kun erga waraana Itiyoo - Ertiraa waggoota 20'n dura xumuramee booda walwaraansiifi waldura dhaabbannaan biyyattii… Continue reading Siyaasaa Itoophiyaa bara 2013: Waraana Tigraay, Hidha Abbayyaa, filannoo, hariiroo alaa ….

Oduu Afan Oromo

”Gaa’ellii ykn hariiroon jaalalleewwanii irra caalaan ibiddaan osoo hin taane cabbiidhaan adda bahu,” jetti Micheel Maaknuultiin.

Jalqaba sababiidhuma sirriidhaan erga jaalallee isaaniin adda baahanii booda namoonni hedduun deebi'an yoo hariiroo jaalalaa haaromsatan ni mul'atu. Waggaadhuma kana keessa jaalalleewwan waggaa 17'f adda bahanii turan, Jeeneefar Loopaz fi Been Afleek hariiroosaanii haaromsachuun waliitti deebii'aniiru. Seenaan hariiroo jara kanaas tarii namoota kaanilleen ilaallachuu mala ta'a jechuun seenaa kaafneerra. Namoota baayyeedhaaf sababiin deebiisanii jaaalleesaanii durii… Continue reading ”Gaa’ellii ykn hariiroon jaalalleewwanii irra caalaan ibiddaan osoo hin taane cabbiidhaan adda bahu,” jetti Micheel Maaknuultiin.

Oduu Afan Oromo

JAAL MO’IIBOON:- “uummatni Oromoo Qawwee bitatee qabsoo hidhannoon of kabachiisuuf hojjechuu qaba”.

Lixa Oromiyaa keessatti torban darbe keessa Wallagga Bahaa aanaa Saasiggaa WBO’n tohachuu isaa gabaafamaa ture. Tohannaa WBO kan aanaa Saasiggaa ilaalchisuun Raadiyoon Arrata Biyyoolessa Oromiyaa-ABO turtii ajajaa WBO humna furgaatuu onichaa Mo’iiboon Tufaa waliin taasisee jira. Haala injifannoo aanaa Saasiggaa qabachuu fi kaan irratti Mo’iiboon turtii taasiseen dubbatee jira. “ABO’n erga qabsoo karaa nagaa jechuun… Continue reading JAAL MO’IIBOON:- “uummatni Oromoo Qawwee bitatee qabsoo hidhannoon of kabachiisuuf hojjechuu qaba”.

English News, Oduu Afan Oromo

Dhalattoonni Tigraay biyya Alaa jiraatan Hiriira Geggeessan

Embaasileen Turkii fi waajjiraaleen NATO magaalaalee keessa jiran kutaalee Yunaayitid Isteetis 15 akkasumas Kanaadaa, Awrooppaa, Israa’el fi Awustiraaliyaa keessaa hiriira wal fakkaatu geggeessanii jiran. Akeeki hiriiraa geggefamee hawaasni addunyaa fi sabaa himaaleen uummata Tigraay cinaa waan hiriiraniif badiin namoomaa dhaqqabuuf ture hambisuu isaanii galateeffachuu, mootummaan Turkiin immoo Itiyoopiyaaf xayyaara nam maleeyyii akka hin kennine, gargaarsi… Continue reading Dhalattoonni Tigraay biyya Alaa jiraatan Hiriira Geggeessan

BREAKING NEWS, Oduu Afan Oromo

WBO’N HIDHAAMTOOTA SIYAASAA 100 HIIKE

WBO'n Wallaga bahaa Sassigatti lola cimaa geeggessudhaan waraana mootummaa erga mo'atee booda hidhamtoota siyaasa 100 ta'aan hiikee jira. Madoon waraana mootummaa Hospitala wallagaa Yuniversiitiitti dhiyeenya naqaamtee keessaþi argamuutti kan geeffamaan ta'uu odaa tarbii toora tiwiteera isaa irratti maxxansee jira Gaafa hagayya 31 ganama WBO'n waajira polisii saasiggaatti dhukkaasa bane. Humna waaranaa mootummaa konkolaataan piikaapii sadii… Continue reading WBO’N HIDHAAMTOOTA SIYAASAA 100 HIIKE

Oduu Afan Oromo

Eebbisaa Addunyaa waggoota 25 booda yoo yaadannu

Eebbisaa Addunyaa waggoota 25 booda yoo yaadannu 30 Hagayya 2018 Ibsa waa'ee suuraa,Eebbisaa Addunyaa Seenaa qabsoo Oromoo keessatti qooda guddaa kan qabu weellisaa Eebbisaa Addunyaa, Hagayya 30, bara 1996 wareegame. Sirboota qabsoo Ummata Oromoo daranuu jabeessan hedduu gumaachee jira Eebbisaan. Kana malees sirboota aadaa, kan jaalalaa fi geerarsaanis ni beekama jedhu hiriyoonni isaa. Seenaan Eebbisaa… Continue reading Eebbisaa Addunyaa waggoota 25 booda yoo yaadannu

Oduu Afan Oromo

Yaadannoo Waggaa 25 ffaa Ajjeechaa Gooticha Artistii Jaallatamaa EEBBISAA ADDUNYAA

Hagayya 30/2021 Qeerroo fi qarree Yeroo Eebisaa yaadatan Ganama subii ture EEBBISAA ADDUNYAA fi XANNAA WAYYEESSAA bakka tokkotti, kaayyoo tokkichaan diinaan kan galaafataman. Kunoo guyyaan guyyaa dhalchitee har’a 25ffaa isaa yommuu kabajannu, ilmaan Oromoo, Oromoof loluu irraa kaasee hanga wareegamaatti, akkasumas haqa uummata isaanii gad baasuudhaan sagalee waan ta’an qofaaf kan ajjeechaan suukanneessaa sirna Itoophiyaan(… Continue reading Yaadannoo Waggaa 25 ffaa Ajjeechaa Gooticha Artistii Jaallatamaa EEBBISAA ADDUNYAA

Oduu Afan Oromo

Waraana Tigraay: Waldhabdee daangaa Amaaraafi Tigraayiif furmaanni waraanaan moo seeraan?

Waraanni Kaaba Itoophiyaa, Tigraay keessatti Sadaasa 2020 eegalee baatii sagaliif itti fufuun naannoolee ollaa keessatti babal'ataa jira. Waraanni kun humnoonni TPLF raayyaa ittisa biyyaa kan Kaaba biyyattii buufatee turerratti haleellaa raawwate jedhamuun ajaja MM Itoophiyaa Abiy Ahimad kennaniin ture kan jalqabame. Naannoo Tigraay waliin waldhabdee daangaa bara dheeraaf kan qabu naannoon Amaaraa, yeroo tarkaanfiin 'seera… Continue reading Waraana Tigraay: Waldhabdee daangaa Amaaraafi Tigraayiif furmaanni waraanaan moo seeraan?

Oduu Afan Oromo

Namoota gareedhaan qorattoota ajjeessanii turan 32 irratti murteen darbe

Naannoo Amaaraa Godina Goojjaam Lixaa, aanaa Gonjii Qolalaatti namoota hojii qorannoo gaggeessuuf gara sanatti imalaniirratti haleellaa garee (daboon) raawwachuun ajjeechaa raawwataniifi miidhaa qaqabsiisan irratti murteen darbe. Himatamtoota dhimmi isaanii mana murtee olaanaa Naannawa Baahir Daariitti ilaalamaa ture 32 kennisa, himatawwan gareedhaan nama ajjeessuu, qaama hir'isuu, yaalii ajjeechaa raawwachuufi qabeenyaa barbadeessuun jedhaniin dhimmi isaanii ilaalamaa erga… Continue reading Namoota gareedhaan qorattoota ajjeessanii turan 32 irratti murteen darbe

Oduu Afan Oromo

ABo’n ‘Gabaasni Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa Dhiyeesse Adda Bilisummaa Oromoo Kan Hin Amansiisnee fi Fudhatama Kan Hin Qabneedha’ jedhe

Ibsa ABO, Hagayya 27/2021  Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa akka waan mirga dhala namaatiif falmuu fi sarbiinsa mirga dhala namaa Itoophiyaa keessatti raawwatamaa jiru qorachaa jiruutti dubbata. Haatahu malee gabaasawwan komiishinichi dhiyeessu tokko tokko loogiidhaan kan guutamanii fi dantaa siyaasaa bu’uura kan godhatan ta’uu yeroo baay’ee irra deddeebinee taajjabnee jirra. Dhaabbati Mirga Dhala Namaa walaba ta’e… Continue reading ABo’n ‘Gabaasni Komiishiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa Dhiyeesse Adda Bilisummaa Oromoo Kan Hin Amansiisnee fi Fudhatama Kan Hin Qabneedha’ jedhe

Oduu Afan Oromo

Waadaa Oromoo

Wbo'n oromootni akka waadaa hin nyaatnee fi wal hin baasasne waadaa galchaa akkasumas uumatni oromoas waadaa seenaa jiru. Qurxummiichiis galaanichis walumaan gara injifannootti qajeelaaniiru. Warri galaanicha gogsuuf yaadee ofii abjoote malee oromoon waadaa ittichifatee bilisummaaf qophaa'aa garbummaa hundeen ofirra buqqisuuf nafxenyaa biyyeetti ishee dabaluuf qabsoo cimaa irra jira. Check out AMBO TV on #SoundCloudhttps://soundcloud.com/user-884915784?ref=clipboard&p=a&c=1&utm_source=clipboard&utm_medium=text&utm_campaign=social_sharing https://www.facebook.com/985046351682110/posts/1731944470325624/

Oduu Afan Oromo

Gabrummaa mataa nu yaabe hundeen buqqisuuf humna Qabnu ittichinee Nafxeenyaaf utuu hin taane nafxanyaa haa lolu !

Ibsa Qeerroo Amboo ambotv/jirraa.gif Goototni Oromoo hedduun, jagnoonni onneedhaan hin waakkatamne, kan silaa utuu biyya ofii Oromiyaaf lolanii gabrummaatti xumura gochuu danda’an, lola isaan hin ilaallannetti seenanii lolanii jagnummaa seenaa keessatti kan galata hin qabne agarsiisaniiru. Kanaaf ammoo lolli Adawaa, lolli Baadimmee, lolli Itiyoo-Somaaliyaa fa'aa ragaa guddaa dha. Utuu sabni isaanii Oromoo fi biyyi isaanii… Continue reading Gabrummaa mataa nu yaabe hundeen buqqisuuf humna Qabnu ittichinee Nafxeenyaaf utuu hin taane nafxanyaa haa lolu !

Oduu Afan Oromo

‘FAAYIDAA OROMOO AKKA HIN SHARAFNETTI, DIINA WALOO KUFFISUU IRRATTI WAL-TAANEE’- JAAL MARROO DIRRIBBAA

15 Hagayya 2021 ''Diina waloo waan qabnuuf, dhimma waraanaa irratti wal deeggaruuf TPLF waliin wal taaneerra,'' jechuun ajajaa ol aanaan Waraana Bilisummaa Oromoo Kumsaa Dirribaa himuu BBC'n Afaan Oromoo gabaasera. Oromoon TPLF waliin walitti dhufeenya akkami akka qabu ifadha kan jedhu Kumsaan, yeroo TPLF dhaabota kaan waliin tahuun Itoophiyaa bulchaa ture uumanni Oromoo wareegama guddaa… Continue reading ‘FAAYIDAA OROMOO AKKA HIN SHARAFNETTI, DIINA WALOO KUFFISUU IRRATTI WAL-TAANEE’- JAAL MARROO DIRRIBBAA

Oduu Afan Oromo

Artiist Haacaaluu Hundeessaa badhaasa ‘Grammy’ irratti ogeeyyii lubbuun darban waliin yaadatame

Ati hin duune hacee "hacee gaafa adwaa" Finfinnee, Bitootessa 17, 2021 (Ambo Tv) – Artiist Haacaaluu Hundeessaa ogeeyyii indaastirii muuziqaa keessatti maqaa guddaa qabanii fi bara 2020 lubbuun darban dhaabbatichi yaadate keessaa tokko ta’e. Badhaasa Grammy bara 2021 irratti Artiist Haacaaluu Hundeessaa ogeeyyii indaastirii muuziqaa keessatti maqaa guddaa qabanii fi bara 2020 lubbuun darban dhaabbatichi yaadate… Continue reading Artiist Haacaaluu Hundeessaa badhaasa ‘Grammy’ irratti ogeeyyii lubbuun darban waliin yaadatame

Arabic News, English News, Oduu Afan Oromo, TOP NEWS

Calling international criminal court must issue Warrant of Arrest for  the  Prime Minister Abiy Ahmed Ali of Ethiopia and Eritrea president Isaias Afwerki Alleged and Amhara Militant ring leaders for committing crimes 

Please sign petition calling international criminal court must issue Warrant of Arrest for  the  Prime Minister Abiy Ahmed Ali Of Ethiopia and Eritrea president Isaias Afwerki Alleged and Amhara Militant ring leaders for committing crimes  http://chng.it/4XtBf67L82 Crimes Against Humanity ethnic cleansing and genocide committed this crimes Under the direction administration of Prime Minister Abiy Ahmed… Continue reading Calling international criminal court must issue Warrant of Arrest for  the  Prime Minister Abiy Ahmed Ali of Ethiopia and Eritrea president Isaias Afwerki Alleged and Amhara Militant ring leaders for committing crimes 

English News, Oduu Afan Oromo, TOP NEWS

HIRIIRA GUDDICHA OROMIYAA, SANBATA XIQQAA 13/2021

Hiriira Guddichaa Oromiyaa Qabsaa'oonni Haqaa oromoo diddaa lagannaa nyaataa erga eegalanii har'a Guyyaa 16ffaa isaanii ti. Sochiin Qeerroo bifa qindaawaa ta'een kan adeemsifamaa jiru yoo ta'e sarbama mirga dhala namaa mootummaan abbaa irree Abiy kan aangoo akka harma haadha isaatti jaallatuu fi hidhatoota isaatiin adeemsifamaa daraan dabalaa dhufuu fi duguuggaan sanyii oromoo fi saba fi… Continue reading HIRIIRA GUDDICHA OROMIYAA, SANBATA XIQQAA 13/2021

English News, Oduu Afan Oromo, TOP NEWS

HIRIIRA GUDDICHA OROMIYAA, SANBATA XIQQAA 13/2021

Hiriira Guddichaa Oromiyaa Qabsaa'oonni Haqaa oromoo diddaa lagannaa nyaataa erga eegalanii har'a Guyyaa 16ffaa isaanii ti. Sochiin Qeerroo bifa qindaawaa ta'een kan adeemsifamaa jiru yoo ta'e sarbama mirga dhala namaa mootummaan abbaa irree Abiy kan aangoo akka harma haadha isaatti jaallatuu fi hidhatoota isaatiin adeemsifamaa daraan dabalaa dhufuu fi duguuggaan sanyii oromoo fi saba fi… Continue reading HIRIIRA GUDDICHA OROMIYAA, SANBATA XIQQAA 13/2021

Oduu Afan Oromo

Dhaamsa Bara Haaraa HD ABO Irraa Amajjii 2021

Miseensota ABOHogganootaa fi Miseensota akkasumas deggertoota ABO kanneen mana hidhaa jirtaniifQeerroo Bilisummaa OromooUmmata Oromoo Bal’aaDeggertoota QBOFiroottan QBOfHunda dura baga bara haaraa 2021 nagaan geenye jechaa hawwii qabu maqaa hogganoota ABO, miseensotaa fi hogganootaa fi miseensota ABO mana hidhaa jiraniin isinii dabarsa. Barri haaraan kun ummta Oromoof keessa isaatti bara nagaa fi tasgabbii, bara milkii fi… Continue reading Dhaamsa Bara Haaraa HD ABO Irraa Amajjii 2021

Oduu Afan Oromo

Waan Hin Hafne Itti Qophaa’amuu Qabu!

AMBO TV AMAJJI 1, 2021 Yeroo rakkoo keessa jiran halkan tokko iyyuu nama barii’uu didee ni dheerata. Haa tahu malee lafti barii’ee biiftuun bahuun waan hafu miti.Ummatni qabsoo irra jirus akkuma kana cinqii diinni irraan gahuun muddame guyyaa bilisa bahuee eegachaa ciniisfataa jiraata. Guyyaa guyyaan saamamuun, waxalamuun, hidhamuun, ajjeefamuu fi walii gala gidirfamuun guyyaan garbummaa jalatti… Continue reading Waan Hin Hafne Itti Qophaa’amuu Qabu!

Oduu Afan Oromo

Hiikkaa Google Afaan Oromoo Irratti Haa Hirmaannuu

Afaan Oromoo Afaanota Gurguddoo Addunyaa 109 tti makamee tajaajila kennuu jalqabuuf Jechootni English Miliyoona 1 fi isaa ol Afaan Oromootti yoo hiikamanii dha. Kana milkeessuf Namni Jechaa fi Hima Afaan English gara Afaan oromootti hiikuu danda’u kamuu irratti hirmaachuu ni danda’a. kanaaf immoo dhaabbanni Google haala mijeessee jira. Afaan Oromoo tarree Afaanota gurguddatanii hiriirsun hojii namoota muraasaa miti, ykn… Continue reading Hiikkaa Google Afaan Oromoo Irratti Haa Hirmaannuu

Arabic News, English News, Oduu Afan Oromo, TOP NEWS

AAU Holds 70th Round Students’ Commencement of Graduation but Obsa Abdisa and other oromo students are the candidates not graduated only because of they are Oromo

December 26, 2020    Addis Ababa University (AAU) graduates 4,087 students, who are able to conclude their courses in different fields of study, returned from COVID-19 break, on Saturday, 26th December 2020. According to the information from the Registrar, 804 students (including specializations) in Postgraduate and 3,283 candidates in Undergraduate programs will graduate, of which (35.53%) are women. It is known… Continue reading AAU Holds 70th Round Students’ Commencement of Graduation but Obsa Abdisa and other oromo students are the candidates not graduated only because of they are Oromo

Oduu Afan Oromo

Egypt Waraana Xoophiyaaf Sudaan gidduutti geggeeffamaa jiru keessa galuuf murteessite.

Sababni isaa immoo Waraanni Eertiraa Uniform Milishaa Naannoo Amaaraa Uffatee Lola Sudaaniifi xoophiyaan Yeroo ammaa kana geggeessaa jirtu Keessatti gara xoophiyaa goruun sudaaniin haleelaa jiraachuu ishee erga mirkaneeffattee booda. Taateen kun yeroo lammaffaadhaafis jedhameera. Haala amma deemaa jiruun Sudaan (kaartum) Sudaan kibbaa (Juba) Egypt(Cairo)’n Tigiraay (Maqaleen)Ifaan ifatti Garee (Alliance) tokko uumanii jiru.itti dabaluun Egypt mootummaa… Continue reading Egypt Waraana Xoophiyaaf Sudaan gidduutti geggeeffamaa jiru keessa galuuf murteessite.

Oduu Afan Oromo

Obbo Lidatuu Ayyaaleewu hidhaa baatiiwwanii booda wabii qarshii 30,000n gadhiifaman

11 Muddee 2020 Obbo Lidatu Ayyaaleewu hidhaa baatiiwwaniin booda wabii maallaqaatiin mana hidhaatii bahusaanii Dura taa'aan Paartii Dimokiraasummaa Itoophiyaanootaa Obbo Adaanaa Taaddasaa BBCtti himan. Manni murtii Waliigalaa Oromiyaa dhaddacha bahaa kan magaalaa Adaamaatti argamu namni siyaasaa Obbo Lidatuu Ayyaalewu wabii qarshii 30,000n gadi dhiifamanii dhimma isaanii alaa akka hordofan murteessu abbookaatoon isaanii BBCtti himan. Dhimmi… Continue reading Obbo Lidatuu Ayyaaleewu hidhaa baatiiwwanii booda wabii qarshii 30,000n gadhiifaman