Oduu Afan Oromo

Manni Maree Nageenyaa UN Itoophiyan hojjattota dhaabbatichaa ari’uu morme

Manni Maree Nageenyaa (UNSC) dhimma naannoo Tigraay ilaalchisee ajandaa ‘Nagaafi Tasgabbii Afrikaa keessaa’ jedhu jalatti kora banaa Roobii taa’een, Itoophiyaan hojjattoota UN biyyasheetii ari’uu mormeera.

Mana Maree Nageenyaa UN

Barreessaan Ol-aanaa Mootummoota Gamtoomanni (UN) Antooniyoo Guteereez kora irratti ibsa kennaniin, Itoophiyaan hojjatoota UN biyyasheetii ari’uu hin dandeessu; kana gochuusheetiin ammoo seera idil-addunyaa cabsiteetti jedhan.

Itoophiyaan hojjatoota UN biyyasheetii ari’uun chaartera dhaabbatichaa kan cabsedha kan jedhan Barreessaan Ol-aanaa UN kun, mootummaan Itoophiyaa yakka raawwataniiru jedhu yoo qabaatee barreeffamaan yaa dhiyeessu jedheera.

“Miseensota UN ari’aman torba ilaalchisee ragaan mootummaa Itoophiyaatiin dhaabbata UN kamiifiyyu dhiyaate jiraannaan, ani koppii isaa tokko argachuun barbaada. Sababiin isaas, ani waa’ee isaanii wantan beeku hin qabu,” jedhan Guteereez.

Jimaata darbe Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin si’a lama akka waliin dubbatan kan kaasan Guteereez, ari’amoo aanga’ootaa irratti ragaa akka erganiif gaafachuu himan.

“Hanga ammaatti gaaffii [ragaa dhiyeessuu] gaafadheef deebii hin arganne,” jedhu.

Walitti bu’insi kun akka dhaabbata, gargaaarsi namoomaa nama barbaachisuuf hunda bira akka gahuuf, Itoophiyaa keessatti karaa mariitiin rakkoon akka furamu waan hunda ni goona kan jedhan Antooniyoo Guteereez, “Namoonni osoo rasaasaan du’anii ykn beelaan du’anii ilaaluu hin qabnu,” jechuun dubbatan.

Kora Mana marii Nageenyaa UN kanarratti bakka bu’aan mootummaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Asqe-Sillaasee ammoo, ejjennoo Itoophiyaafi sababoota miseensonni torban UN ittiin ari’aman jedhan dhiyeessaniiru.

Hojjetoonni UN ari’aman kunneen lakoofsa namoota miidhaman jedhamee akka malee ol kaasuu, sababa beelaatiin akka namni du’etti uumuu, akkasumas mooraa UN eegumsi taasifamuuf keessatti finciltoota hidhatan hafeeruu ibsuun, maaliif akka ari’an tarreessaniiru Ambaasaadar Taayyeen.

“Yakkawwan hedduu” eeruudhaan, hojjetaan UN dhaabbata alaa irraa qajeelfama gaafachuus ta’e fudhachuu, akkasumas odeeffannoo sababa itti-gaafatamummaa irra jiraniif argatan kamiyyu qooduu hin qaban,” jedhan Ambaasaaddar Taayyeen.

Itoophiyaan ‘eenyu akka seenu, akka bahuufi turuu dana’u’ murteessuudhaaf mirga walabaa qabdi kan jedhan Ambaasaddar Taayyeen, seerawwaniifi dambiiwwan idil-addunyaa jiran gara garaa eeruun tarkaanfiin biyyattiin fudhatte bu’uura seeraa qabaachuu ibsaniiru.

Biyyoota miseensa UNSC 14 ta’an kora kanarratti hirmaatanii yaada isaanii dhimmicharratti yaadasaanii kennaniiru.

UN’tti Ambaasaaddar US Lindaa Tomaas-Giriinfiil mootummaan Itoophiyaa maal na dhibdiidhaan hojjetoota UN murteessoo ta’an torba ari’uun mana maree kanaaf, UN fi biyyoota miseensota ta’aniif akkasumas duudhaalee namoomaa waliin qabnuuf arrabsoodha jedhan.

Hojjetoonni UN Itoophiyan ariite kunneen daa’imman dabalatee lammilee biyyattiif gargaarsa namoomaa dhiyeessuun lubbuu baraaruuf hojjechaa jiru waan ta’eef haala kamiiniyyu sababiin fudhatama kan hin qabnedha jedhuun, “Tarkaanfii Itoophiyaan fudhatte kanaaf sababiin dhugoomsu hin jiru. Tasa hin jiru,” jedhan Ambaasaaddar Lindaan.

Ariisaan hojjetoota UN hin eegamne kun itti fufiinsa dhorkaa caalaa hammaachaa jiruuti kan jettu bakka buutuun US kun, mootummaan Itoophiyaa tarkaanfii isaa kana akka keessa deebi’ee ilaaluuf gaafataniiru.

Haala amma Itoophiyaa keessa jiru beela Somaaliyaa keessatti bara 2011 uumame waliin wal fakkeessuun ibsan Ambaasaaddar Lindaan.

“Beela yeroo sanaa sodaachisaa akka ta’etti yaadanna. Osoo akeekkachiifni jiruu namoonni 25,000 ol du’an. Waan uumamuu hin malle ture. Beelli gonkumaa uumamuu hin qabu,” jedhan.

Waggoota sadiin dura Itoophiyaan biyyoota Afrikaa saffisa addaan guddachaa jiran abdii guddaa qabduufi jijjiirama dinagdeefi siyaasaa fidaa jirtudha jechuun dubbachaa turre kan jettu Ambaasaaddar Linaan, amma garuu “wanta rifaasisaa ta’e dirqiin gudeeduu akka meeshaa waraanaatti gargaaramuu, miidhaawwan namoota nagaarra gahan, beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu, beelli qaqqabuu, hojjetoonni UN ari’amuu; Itoophiyaanonni Itoophiyaanota ajjeesuu,” ta’ee jira jetti.

Kun ammoo garee biyyoota addunyaa keessatti hawaasa addunyaarraa adda bahuun ummata isaanii irraan miidhaa geesisanitti makamuuf daandii gaggeessitoonni Itoophiyaa fialataniha jedhan Ambaasaddar Lindaan.

Kora kana pirezedaantummaan kan gaggeessite Keeniyaa yoo taatu, biyyoonni akka korri kun taa’amuuf gaafatan ammoo Istooniyaa, Firaans, Ayerlaand, Noorwey, UK fi US turan.

Erga waraanni Kaaba Itoophiyaatti jalqabee kaasee dhimma biyyattiirratti miseensonni UNSC kora taa’uun isaanii kan Roobii galgala kun si’a kurnaffaa ta’uu isaati.

Erga Itoophiyaan Fulbaana 30 aanga’oonni UN ol-aanoon torba saatii 72 keessatti biyyasheetii akka bahaniif ajajjee ammoo korri amma taa’ame kun kan lamataati

Maddi BBC Afaan oromo