BREAKING NEWS

Eeyyama darbii ayyana irreechaa

Seenaa oromoo keessatti bara wayaanee illee ta’ee kan hin beekne buchiloonni nafxanyaa oromoon Irreecha akka hin ayyaaneeffanne dhorkuuf waraaqaa eeyyama darbii ayyaanaa baasaan. Duudhaa ayyaanichaa uummata irra gara kan waajjiratti, fi paartiitti, soodaa moormiin nu mudaata jedhu irra ka’uun ajaaja paartii shiraan buutamee dhimma siyaasaaf itti fayyadamuuf akka yaadamee jiru ta’uu ragaan bahaa jiran ni ibsu.

Oromoon alaabaa qabatee akka hin baane dhorkame

Oromoon bilisummaadhaan dhorkaa tokko malee bahee ayyaana isaa ayyaaneffachuu kan danda’u mootummaa bakka isa bu’u yoo qabaate qofa. Abbaan gadaa Goobanaa hoolaas marga jiidhaa qofa qabaadhaa jechuun isaaniis oromoon alaabaa Abbaa gadaas ta’ee alaabaa Oromoo qabatee akka hin mul’anneef akeekkachiifni gama mootummaatiin irra deddebiin kan itti kenname ta’uu kan mul’isuu fi sodaan guddaan mootummaa akka mudaates kan mul’isu ta’uu ifa ta’aa dhufeera.

Ayyaanni Irreechaa kan oromoon martinuu jaalalaan kallattii hundumaan dhiibbaa tokkoo fi eegicha mootummaa malee geeggeffamu ture. Uumanni nageenya isaa ofiin eeggachaa kan turee fi yeroo mootummaan harka keessa hin galfanneettis ayyana kabaja qabeessa ture. Irreechi bakka Oromoon irree tokkoon, jaallalaan, tokkummaadhaan bahee waaqayyoof galata dhiiyessuu aadaa fi duudhaa isaa itti mul’ifatu, cunqursaa fi garbummaa ofirraa injifatu dirree moo’icha oromoota maraa ti. Bara mootummaa nafxanyoota keessa shiraan buutamee, dhorkaamee, irraanfachifamee, abaaramee, sodaatamee jaarraa hedduuf turus baduu hin dandeenye.

Irreechi irree Oromoo ti

Bara “wayaaneen haa kuftu haa kuftu” jedhame keessa seenaa madoo hin dagatamneen dhiigaan katabamee hambaalee kitiliyoo addunyaa ta’uudhaan UNESCO tti kan galmaa’ee fi ayyaana miliyoonoota 10 oliin kabajamu ayyaana guddicha gaanfa Afrikaa fi adduunyaa ti.

Oromoon tokkummaadhaan bahee mootummaa seexanaa, hamaajaajii, ajeestoota, hatootaa fi diina dhala namaa yeroo itti abaaru, nagaa yeroo itti labsuu fi Uumaa uumaamaa mareehoo jedhee yeroo itti galateeffatu sirnaa ganamaa sirna tokkicha Oromoo abbaa saba bal’aa kan sanyii kuush obbolleessa Libiyaa ,misirii fi Israa’eel ta’ee Waaqa uumaa uumaaman dhalachuu isaa, wal horuu fi jaalala dhala namaaf uumaamaaf qabuun marga jiidhaa harkatti qabatee haroo bishaan guddichaatti waliin naanna’ee jiidhaa walitti faacaasee wal eebbiisee waliin nyaater wal obaasee quufa labsee gadaadoo, beelaa fi cunqursaa abaaree kan itti ayaaneffatu dha.

Bara oromoon abaaree hedduun hundeedhaan buqqa’ee gogeera. Gogaan laliseera. Bokkaan Roobeera goginsi badeera. Waaqayyoos oromoof dhaga’eera.

Irreechaa fi seenaa gurraacha Gita bittootaa

Nafxanyoonni garaa lafummaa oromoo akka sodaatti jaarra hedduuf ilaalanii oromoodhaan oromoo cabsaa, ayyaana isaa fi eenyummaa isaa baleessuuf dhagaan isaan hin buqqifne hin jiru. Ammas mootii minikitti aansee mootii torbaffaa kan ofiin jedhuu yaakkamaa duuguggaa sanyii namaan himatamuu kononel abiy ahmadiin fi nafxanyoota afaan oromoo dubbataniin shiirri dabaan Irreecha irratti bara 2020 darbee eegalee dhawaata dhawaataan taasifaamaa jiru oromoonni ayyana Irreechaa akka hin ayyaneeffaneef dhorkaa fi uguuraa sababa hin maleen taasisuuf itti yaadanii dhamaa’aa turaniiru. kuniis waraaqa darbii, baajii fi miseensoota paartii pp qofaaf hanga eeyyamuutti gahanii jiru.