Oduu Afan Oromo

Diroor Tamiir: Nyaata mi’aawaa ilbiisotarraa tolfamu Hargool jedhamu yeroo dhiyootti gabaa keessatti argamuu bitadhaa nyaadhaa jedhan

Yaadni dhalli namaa eegumsa naannoof jecha ilbiisota nyaachuu eegaluu qaba jedhu kan bubbule ta’ullee, hedduu keenya biratti fudhatama hin arganne. Dhaabbanni biyya Israa’el tokko garuu namoonni yaada kana akka fudhatan nyaata ilbiisota dhamsa adda addaa itti kennuun yaalii gochaa jira.

Hawwaannisa nyaataaf horsiifaman
Ibsa waa’ee suuraa,Hawwaannisa nyaataaf horsiifaman

Diroor Tamiir hogganaa dhaabbata teekinoolojii nyaataa Hargool jedhamuuti.

Hargool nyaata mi’aawaa pirootiniin badhaadhe saamsamee gurguramu hawwaannisarraa hojjetame omisha.

“Hawwaannisni dhamsa waakkoo, bunaa fi chokoleetii qaba, garuu nuti dhamsa burtukaanaa fi istroobeerii akka qabaatu goonee omishne,” jedha.

Diroor Tamiir hogganaa dhaabbata teekinoolojii nyaataa Hargool
Ibsa waa’ee suuraa,Diroor Tamiir hogganaa dhaabbata teekinoolojii nyaataa Hargool

Aab Diroor Tamiir waa’ee hawwaannisaa ijoollummaa isaarraa dhaga’aa akka guddate hima.

Baroota 1950 keessa wayita Israa’eel hanqina nyaataan miidhamtee turte, hawaannisni ammoo biyyattii weeraree akka turee fi midhaan mancaasuu hima.

Yeroos miseensonni hawaasa Yihuudota warra Yamanii fi Morokoo gadii bahanii guuranii nyaachaa akka turan akkoo isaarraa dhagahuu hima.

Nyaata mi'aawaa Hargool hawwaannisarraa tolchu
Ibsa waa’ee suuraa,Nyaata mi’aawaa Hargool hawwaannisarraa tolchu

“Yeroos ture hawwaanisni uummata addunyaa biliyoona hedduuf nyaata ta’uu akka danda’u kanan bare,” jedha.

Ilbiisotni kun durumaanuu Afrikaa, Eeshiyaa, Jiddugaleessaa Ameerikaa fi Jiddugaleessa Bahaa keessatti bakki itti nyaataman jira.

Irra jireessa Awurooppaa fi Ameerikaa keessatti garuu yaada fudhatama qabu miti.

Aab Diroor Taamir yaada kana jijjiiruu akka danda’u abdata. Dhaabbanni isaa omishaalee akaakuu gara garaa gabaatti dhiyeessuuf jedha.

Nyaata mi’aawaan alatti kan annisaa kennan, bargarii fi nyaata ‘falafel’ jedhamu yaadaa jira.

Nyaatawwan kunneen yeroo dhiyootti aadaa nyaataa Awurooppaa keessatti baratamoo ta’uu akka danda’an ogeeyyiin nyaataa ni raagu. Kunis adda durummaan sababa eegumsa naannoo fi guddina lakkoofsa uummataatiin akka ta’e himu.

Bara 2050tti lakkoofsi uummataa addunyaa kan ammaa biliyoona 7.7 irraa gara biliyoona 9.8 akka guddatu tilmaama.

Hawwaanisa Hargool nyaata irraa tolchu
Ibsa waa’ee suuraa,Hawwaanisa Hargool nyaata irraa tolchu

Nama dabalataa nyaata barbaadu biliyoona lama sooruuf qonni barame gahaa hin ta’u jedhu ogeeyyiin. Dabalataan pirootiinii ilbiisota irraa argamutti fuula deebifachuun loon ykn bineensota kaan horsiisuu caalaa eegumsa naannoof bu’aa qabaachuu himu.

Ilbiisotni kunneen rakasaa fi salphaatti omishuun kan danda’amu ta’uun alatti, coomaa kan hin qabnee fi dhiibbaan isaan naannoo irratti geessisan gadi aanaa ta’uu gorsaan Eejansii Sadarkaa Nyaataa UK pirofeesar Roobiin Meey ni himu.

Gama kaaniin wantoota gataman nyaatu waan ta’eef faayidaan isaan hawaasaaf qaban olaanaadha jedhu.

Raammoo mealworm jedhamu
Ibsa waa’ee suuraa,Omishaaleen nyaataa raammoorraa tolfaman UK fi biyyoota EU keessatti gurguramuu eegalaniiru

Garuu waa’ee nyaata ilbiisotarraa omishamanii wanti nuti amma dura beeknu waan murtaa’e qofadha jedhu pirofeesar Roobin.

Aab Diroor garuu faayidaan nyaati ilbiisotaa eegumsa naannoo fi fayyaa namaaf qabu qofti ilbiisota nyaata keenyatti dabaluuf gahaadha jedhu.

Ilbiisotni biyyoota hedduu keessatti ni nyaatamu
Ibsa waa’ee suuraa,Ilbiisotni biyyoota hedduu keessatti ni nyaatamu

Dhaabbanni isaa Hargool Kaaba Israa’eelitti hawwaannisa mana annisaa ifa aduun dalagu keessatti horsiisa. Hawwaannisa gosa gara garaa horsiisa dhaabbanni kun.

“Waggaatti hawwaannisa miliyoona 400 horsiisuu dandeenya” jedha. Hawwaanisni tokko guddatee nyaataaf gahuuf guyyaa 29 akka itti fudhatus hima.

Omisha horii foon nyaataaf oolan waliin yoo madaalamu, hawwaannisa horsiisuun gaazii faalamaa gara qilleensaatti gadhiifamu dhibbeentaa 99n hir’isa jedha.

Itti fayyadama bishaanii harka 1000 kan xiqqeessu fi lafa omishaaf barbaachisu ammoo dachaa 1500 gadi barbaada jedha.

Dabalataan hawwaannisni Yihuudotaa fi Islaamaatiin nyaataaf kan hayyamaman ta’uu hima.

UK keessatti nyaata ilbiisotarraa tolfaman intarneetii irratti bituun ni danda’ama. Biyyooti Gamtaa Awurooppaas ilbisoota nyaata dhala namaaf ooluu ni danda’u jedhe bara kana ifa godheera.