BREAKING NEWS, Oduu Afan Oromo

Xalayaan ‘miiliyoona shan’ Itoophiyaa irraa Pireezidant Joo Baayideniif barraa’u maal hima? Uummata Itiyoophiyaa miliyoona 120 bakka bu’uu danda’aa?

Harka xalayaa barreessufi gamoo Waayit Haawus

Dargaggootni paartii badhadhinaa akka biyyaaleessaatti socho’uun haala qabatamaa biyyattiin keessa jirtu hubachiisuuf utuu hin taanee rakkoo ofiin uumaan qaama alatti quba qabuuf jechaa, xalayaa miliyoona shan gahu sochii ”Poostaa Adii Masaraa Mootummaa Adiif” jedhuun barreessuun mootummaa Ameerikaatti erguuf abjootaan .

Qindeessaa abjuu kanaafi daarekterra ‘Youth Empowerment Ethiopia’ Obbo Alamaayyoo Seefuutti shira biyyattii keessatti hojjechaa turan dhoksuuf ameerikaa akeekkachiisuuf dargaggoonni paartii badhaadhina deegaraan miliyoona shanii tahan duula kanarratti dirqamaan akka hirmaachifaman kallatiin qaama mootumaatiin itti kennameera.

Dargaggoonni baadiyyaa fi magaalaa jiraatan miidhaa waggootaan 200 ol qaree finxaleeyyi nafxanyaa fi jala deemtuu abiyyiin duuguggaa sanyii fi jibba oromummaa dhoksuun ”miidhaa gama humnoota TPLF’n isaanii irra gahe fakkeessuuf akka xalayaa mootummaa Ameerikaaf barreessan taasifamu.

Naannoo Tigraayitti waraanni humnoota TPLF fi humna mootummaa federaalaa gidduutti erga jalqabee haalli dippilomaasii biyyattii isa duraa irraa jijjiirameera jedhu xiinxaltootni siyaasa biyyattii hordofan.

Mootummaan Itoophiyaa dhimma keessootti gidduu seenuun dhiibbaa taasiste jechuun Ameerikaa irra deddeebii kan himattu oggaa tahu, yeroo garagaraattis sosochiin ‘harka keessan Itoophiyaarraa kaasaa” jedhu garee paartii badhadhinaa fi leeliftoota mootummaa qeenxee irraa mul’achaa tureera.

”Nuyi biyya lamaffaa hin qabnu. Kanaaf biyyi keenya akka diigamtu hin barbaannu jechaa gochaan garuu biyyaa diigaa kan jiru mootummaan Kononel Abiy ta’uu isaa fi biyyoota jibba biyyatti irra qabaan daangaa ceesisuun uumata nagaa irratti duguuggaa sanyii, gochaa dirqisisaani gudeeduu, magaalaa walakkaatti rasaasaan nama ajeessuu, ibiddaan nama gubuu, mana hidhaa keessa baasanii bineensa bama nyaachisuu, Abootti fi hadhooti irratti mana gubaanii daraaruu fi oyruu qonnaan bula fi bosona uumaama gubuudhaan hammeenyummaa jaarraa 21ffaa keessa mul’atee hin beekneen dhumaatii, buqqaatii fi gadadoo hamaadhaaf uumata biyyatti kan saaxile ta’uu isaa gochaan addunyaaf kan mirkaaneesse waan ta’eef xalayaan sobaa dhiibbaan inni fidu hagas miti.

Ameerikaanis kanaan gowwoomtee dhugaa lafa jiru waan jijjirtu miti. Dhimma biyya keenyaa ofumaan furanna jechaa waamicha maarii biyyoolessaa paartiileen siyaasaa oromoo dhiyeessan tufachuun hoggantoota oromoo mana hidhaatti dararuu qaqaliwwaan Akka Artistii Hachaaluu hundeessaa galtee siyaasaaf ajjeessuu fi dargaggoota ija jibbaa daangaa darbeen ilaaluun tuffii oromoof qabaan mul’isuun qeerroof qarreen dirqamanii akka qawwee kaasaanii bosona seenaaniif sababa ta’anii jiru. Oromoon galaana galaana kana ni gogsina jechaa dhadachaa laabsii waraanaa qe’ee uummata biyyaatti irratti laabsanii meeshalee ammayyaa kadhatanii fidaniin ol adeemaa fi abdii bori biyyaatti gara jabeenya daangaa darbeen duguuggaa sanyii geggeesanii jiru. Haala ta’u malee kan ofii dhokfachuuf Ameerikaan gidduugalummaa Liibiyaa, Afgaanistaanii fi kaan keessatti goote irraa barachuu qabdi,” jechuun Obbo Alamaayyoon hafuura jibbaa Ameerikaaf qaban bulgaafataniiru.

Obbo Alamaayyoon xalayaan kun hundi kan barbaachiseef uummatni biyyattii mootummaa badhaasaa cinaa jiraachuu hubachiisuuf jecha ”Poostaa Adii Masaraa Mootummaa Adiif” jechuun barreessuu jalqabna jedhaan. Kun kan ibsuu immoo ameerikaan gowwaadhaa kanaaf mootummaa badhaasaa Noobeelii injifatee jaallatee utuu hin taane dirqamaan fudhachuu qabdi waan jedhu akeeka.

Dhiibbaa jiraattotni Oromoo, tigiree fi sabaaf sablammii Itiyoophiyaa biyya alaa jiraataanii sagalee uumata cunquurfamaaf iyyaa turaniin sagalee waan argateef addunyaaniis gurraa kenneefii itti dhiyeenyaa gochaa hameenya abiy waan bareef erga waraabessi darbee sareen dutti akkuma jedhamu sana qacaramtootni fi warreen gara isaaniif dutan akkan akka taayee danda’a addisuu qixesaaa caalaa bultumee , Alaamayyoo seefuu fi kkf akkuma dargaggoota dirqiin waraanaaf dulchisaan xiyyeeffanaa isaanii poostaa kan taasisaanif warra badiiyaa gowwoomsuuf xalayaa barreessee kan hin beekne ameerikaaf bareessita jechuun salphaatti gowwoomsuu waan danda’aniif kana yaadanii jiru. Garuu sobaanii ”Carraa miidiyaa hawaasaa fayyadamuu warri qaban karaa miidiyaa hawaasaa, kaan ammoo baadiyaatii carraa kana kan hin qabne ammoo xalayaa barreessuun ergatu. Xalayaan filamee ergamuu fi hafu hin jiru. Hundumaa ni ergina.” jedhu. Akkuma filannoo sobaa qindeessaan maqaa miliyoona 5 irratti barreesanii yoo ergaan ameerikaan malitti ilaaltis.

Ameerikaan waraanni dhaabbachuun qaamoleen lamaan akka gara mariitti dhufan irra dedeebiin waamicha gootus, mootummaan Itoophiyaa Ameerikaa dabalatee hawwaasa idil-adunyaa fi midiyaalee idil addunyaa irratti loogiin komata.

US naannoo Tigiraay keessatti sarbamni mirgoota namoomaa gaggeeffamaa jira jechuun deeggarsa namoomaan ala kaan biyyattii irraa kuttee jirti.

Lammiileen Itoophiyaa biyya keessaa fi ala jiranis dhiibbaa gama Ameerikaan jiru haa dhaabbatu jechuun hiriira bahuun yaada isaanii ibsataa turan.

Xiinxaltootni siyaasaa yeroo adda addaatti dubbisne, biyyattiin gama dippilomaasiin ‘kuftee jirti’ yaada jedhu kaasu. Dhugaa qabdullee akka tahutti hin hubachiisne jedhu. Garuu dhugaan jiru mootummaan umurii dheereffachuuf yeroo fedhe koronaa yeroo kaan waraanatti dhimma bahaa tureera. Abjuu aangoo irra turuu fi gorsaa laboobaa abiddaa asmaaraatiin biyyattin wadaamaa jiraachuun kanneen hubatan weelistootni oromoo qaqaliin akka keekiyaa badhaadhaa madaqoo ta’uu abiyyi addunyaatti beeksisaa jiru. Biyya alaatti deema jirtuu duubaan dhiibaa kanneen jiran finxaaleyyiin akka tamaanyi bayeenee fa’aa warraa fooxaatiin olaantummaa amaaraa deebisuufi Abiyyi keenya jechaa ulullee ta’aa turan.

Kanaan wal qabatee tibbana sosochiin akka biyyaalessatti dargaggootaan jalqabames dhiibbaa Ameerikaan Itoophiyaa irratti gootu akka xiqqaatuu fi dhugaa jiru hubachiisuuf akka tahe himamuus xalayaan dhoksaan isaan qopheessaan kan armaan gadii ta’uun hubatamee oromoon hunduu akka hin gowwomfamnee qeerroo fi qarreen oromoo waamichaa harmee oromiyaa yoo dabarsaan warra nafxaanyaa waliin akkuma hacaaluun jedhe kaleessas diinaa har’as diina borus diina ta’uu beeknee warra harkaa fi harmaa nu mureef harki barreessuu hin jiraatiin jedhaanii jiru.

Guca xalayaa Waayit Haawusitti ergamu
Ibsa waa’ee suuraa,Guca xalayaa ergamuu dargaggoonni guutaa jiran keessaa

Xalayichi maal hima?

Dippilomaasiin kana dura mootummoota biyyoota adda addaa gidduutti yeroo godhamuu fi rakkoon yoo jiraates karaa qondaalota isaanii ibsamuun beekama.

Amma haalli dippilomaasii isa durii irraa guddachuun mootummaa irraa gara mootummaatti qofa kan beekamu; gara uummataa gara uummataatti yookaan uummata irraa gara mootummaatti cehee waan jiruuf, hojii kana eegalle jedhan Obbo Alamaayyoon.

”Nuyi ijoollee waaqaa mitimoo? Nuyi biyya lammaffaa hin qabnu. Maaliif dhiibbaa nurraan geessu jennee gaafachuu barbaanna.” Yaa oromoo dhageessee ijoolee waaqaa ofiin jetti kana jechuun mootummaa salamoon waaqatu nu muudee isin yaa ameerikaa nun buuftaanii akka jechuuti. mee ijoolleen waaqa waraanaan qe’ee oromoo goltii? hadhaafi abba dadhaboo sababii ilmi keessaan WBO ta’eef jettee daraartii? Saafuu fi aadaa oromoo cabsiitii? Abootii gadaa salphiftii ? Araara biyyaleessaa diddii? Ijoolee waaq

Dargaggooni naannoo tigiraay humnoota raayya itisa Biyyaa, loltoota Eertiraa fi gurmuu hammeeyaa finxaaleeyyi nafxanootaa fi humna addaa naannoo amaaraatiin akkuma uummata walloo miidhaa humnootni kunniin geessisaaniin miidhaa qaamaa, qabeenyaafi maatii isaaniirra gahe irraa kan ka’e gara waraanaa ittisa Tigiraayitti makaamuu, buqqaatii fi biyyaa baqachuuf akka saaxilaaman himatu. Kannnen kaan immoo harki isaanii hidhamee raasasaan ajeefamanii laga takazee keessatti darbatamanii reefi isaanii biyya sudaanitti akka argamee addunyaa guutuutu ragaa baha. Warri badhaasaa fi Isatuu Waan gochaa turaan waan beekaniif dargaagootni maal jedhanii barreessuu akka qaban saxaxa qopheessaniifii waan ijaan arganis ta’ee waan isaanirratti dhuunfaatti gahe fakkeessaanii akka barreessaniif dadammaqsaa jiru.

”Mootummaan Itoophiyaa sobee waraana itti aanuuf of qopheessuuf gar-tokkeen dhukaasa dhaabeen ture jedhuus dhugaan jiru moo’atamuu fi Uumaata daraaruuf karoora bocaate galmaan gahuuf tooftaa beelaa akka meeshaa lolatti gargaaramuu dubartoota garbummaa saalaf saxiluu fi sanyuummaa baleessuuf dibbee reebaa duulaa waraanaa labsaa ture. Waraanni ittisa Tigiray garuu cufawwaan naannoo tigirayiitti cufame ofirraa baanuuf mootummaa dirqamsiisee gara mariitti geessuuf gara naannoo Affaar, Gaalikoomaa irratti, Gondaritti, babal’ifate ture. Walloo Agamsaatti haleellaa namoota nagaaa irratti raawwatee kan jiru yoo ta’u qaamni walaabaa haleella kana qaamaa rawwate mirkaneesse akka yoonatti hin jiru.

‘Seera waraanaa idil-addunyaa cabsuun Waraanni ittisaa Tigraay manneen barnootaa, manneen amantaa, manneen yaalaa mancaasaa fi gubaa akka waan turee fakkeessuuf sirnaan itti yaadamee “warri xalayaa kana barreessan baay’eenis naannoo kana kanneen jiraatan taha. Suuraadhaan deeggaruun barreessu.” jedhame. Kana jechuun nafxanyootaan itti yaadamee kan qindeeffamee yoo ta’u kanneen washingtoon jiraataan akkuma kitaaba ida’aamuu qopheessaan kanaas kan qopheessaan ta’u.

Himata irratti dhiyaatu kana yeroo adda addaatti TPLF hin raawwanne jechuun waakkataa ture. Mootummaa Ameerikaa dabalatee dhaabbileen UN Naannoo Tigiraay keessatti sarbamni mirga namoomaa qaamolee lamaaniin raawwataniiru jedhan.

Xalayaan miliyoona shan barraa’u kun gaafa Fulbaana sadii kan jalqabe yoo tahu hanga Fulbaana 15tti ni xumurama jedhamee eegama. Xalayaan kun akka ergaan isaa qaama barraa’eef biratti hubatamutti afaan Ingiliffaan barraa’a jedhan Obbo Alamaayyoon.

Namoonni Afaan Ingiliffaan barreessuu danda’an Afaanuma kanaan; kan hin dandeenyeef ammoo hiikameefii yaadni isaanii dhiyaata jedhan. Xalayichis poostaadhaan kan ergamu taha jedhu nafxanyoota biyya ameerikaa jiraataniin xalayichi akka qophaa’ee dhoksuun.

Obbo Alamaayyoon sochii kana kan qindeesse mootummaa akka hin taane haalaniis, baasiin isaas dargaggootumatu danda’a jedhu yeroo sobaan. Garuu bartee mootummaa kanaa keessatti waamicha hiriiraa qarshuin miliyoonotaan lakkawamuu dhangalafamee fardeen kokolaataadhaan fe’amee hiriirtootaaf durgoon kanfalamee akka ta’e hunduu quba qaba.

”Dargaggoonni xalayaa barreessan baasii isaa dandahuun gara keenyatti ergu,” kan jedhun tululaan obboo Alamaayyoon ”Deeggarsi yoo nu barbaachise gaafanna malee, kun kaka’umsa dargaggootan kan raawwatu taha,” jedhanii sobu.

”Lakkoofsi hanga kanaa kan barbaachiseef ammoo uummatni keenya sadarkaa gadii irraa ka’ee hanga oliitti mootummaa cina jiraachuu isaa akka hubatan godha jennee amanneeti jedhu garuu Uumatni mootumaa wajjin akka hin jirree ragaaleen mul’isaan hedduun kan jiran yoo ta’aan gola oromiyaa mara bakka WBOn sochoo’u hundumaattuu uumatni kitilaan bahee simaachaa jiraachuuf jajjabee ofi deegaraa fi leenjisaa akka jiru mul’ataa dha.

“Addatti waan jijjiiru jiraatef osoo hin taane, dhugaa jiru akka hubatan dhiibbaa godha jennee yaadneti jedhu obbo alamayyoon. akka homaa hin jijjiree beekanis amma lubbuun nama keessaa jirtuuti ni xiixuu malee gab hin jedhaanii isa oromoon dubbatu sanaa mirkaneessu waan barbaadan fakkatu.

Waraanni naannoo Tigiraayitti humnoota Ittisa Uumata Tigiraay fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti Sadaasa bara 2020 jalqabe lubbuu kumaatamootaa galaafachuun miliyoonaan ammoo qe’ee irraa buqqiseera.

Ameerikaafi Itoophiyaan hariiroo jabaa waggoota 100 ol lakkoofsise waliin qabu. Haa tahu malee erga yeroo dhiyoon as hidha guddicha Itoophiyaa fi waraana naannoo Tigiraayiin wal qabatee hariiroon isaanii akka jalqabaa sanatti deemaa hin jiru. Sababiin guddaan immoo mootummaa abba irree abiy ta’uu ameerikaan irra deddebi’in ibsaa fi uuguraa viizaa aanga’oota irratti dabarsiteen mirkaneessiteetti.

Ameerikaan hidha haaromsaa ilaachisee Masiriif loogdi jechuun mootummaan Itoophiyaa komataa ture. Garuu Ameerikaa irraa wagga waggaan deeggarsa namoomaa miliyoonotaan funaanachaa turteetti.

Dhiyeenya garuu deeggarsa humna waraanaa Itoophiyaaf gootu dhaabuu ishee Ameerikaan beeksifteetti. Qala’isi jireenyaa hammachaa dhufuun mootummaan hawaasa biratti hundeedhaan jibbaama dhufuun isaa hudhaan mootumma abiyootitti jaabatee biyyatti addaan diigee gaanfa Afrikaa jeequu danda’aa jedhamuun guyyaa kaleessaa waltaajii mootummoota gamtoomanii irratti ijoo dubbii ta’ee ture.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s