Oduu Afan Oromo

”Gaa’ellii ykn hariiroon jaalalleewwanii irra caalaan ibiddaan osoo hin taane cabbiidhaan adda bahu,” jetti Micheel Maaknuultiin.

Jalqaba sababiidhuma sirriidhaan erga jaalallee isaaniin adda baahanii booda namoonni hedduun deebi’an yoo hariiroo jaalalaa haaromsatan ni mul’atu.

Waggaadhuma kana keessa jaalalleewwan waggaa 17’f adda bahanii turan, Jeeneefar Loopaz fi Been Afleek hariiroosaanii haaromsachuun waliitti deebii’aniiru.

Seenaan hariiroo jara kanaas tarii namoota kaanilleen ilaallachuu mala ta’a jechuun seenaa kaafneerra.

Namoota baayyeedhaaf sababiin deebiisanii jaaalleesaanii durii akka barbaadan taasisu jaalala dhugaati. Tarii ammoo jarri lamaan haala walfakkaatuun dhugaa sana hubachuu dhabuu danda’u ta’a.

Haata’u malee, hariiroo jaalalaa deebiisanii ijaaruun namoota muraasaaf madda gammachuufi galma guddaa ta’uu danda’a.

Qorannoon akka mul’iseetti, jaalalleewwan erga adda bahaniin booda deebiyanii waliin jiraatan parsantaa 50 ol ta’u.

Namoota muraasaaf ammoo weerarri Covid adeemsa kana saffisiiseefiira. Sababbii weerarichaatiin qofummaafi ugguramuu, namoota baayyeen akka jaalalleesaanii durii barbaadaniif gummaachutu himama.

Namoota jaalallee isaaniin adda bahan shan keessa tokkoo tibba weerara koronaatti deebiisanii waliif barreessuun ykn bilbiluun waliin haasa’uu eegaluu qorannoon mul’iseera.

Qondaaltoonni akka jedhanitti, jaalalleewwan duraanii lamaanuu barbaadnaan, hariiroo duraan adda cite cimsacuun bu’aan inni qabaatu baayyeedha.

Maaltu akka jaalallee duraatti deebi’amu nama kakaasaa laata?

Dhimma akka jaalallee duraatti deebitaniif isin taasisu keessaa tokko, yoo achi deebitan maal akka argattan waan beektaniifidha.

”Osoo deebiisanii jaalallee waliin hariiroo hin haromsiin dura dhugaatti nama sana sirriitti beekuun bu’aawwan qabataa,” jetti Micheel Maaknuultii, Chikaagootti teeraapistiin gaa’ilaa.

Micheel hariiroowwan jaalalaa hundi, ”garaa garummaa ilalaacha walitti fufuunsaa’ qabu jetti. Qabxiilleen irratti waldhabdeen umamu keessaa, bakka waliin jiraatamu, maallaqa, quunnamtii saalaa, daa’imman, hirriyoota, maatiifi kan biraa akka ta’an kaasti.

Maatiin gammachuu qabaatulleen hanga namoota lama kan ilaalchaafi enyummaa adda addaa qabaniin kan hundeeffame ta’utti, dhimoota kanneen irratti walitti akka bu’an kaafti.

Haala qorannoo Instituyutii Gottman gaggeessee tokkootti, sababii garaa garummaa dhimmoota kanneeniin hariiroon jaalalleewwan %69 rakkoo godhata. Rakkoon al tokkootti dho’u caalaa kan yeroo dheeraa turuufi dhimmoonni waljalaan suuta cimaa adeeman ammoo summii jaalalleewwanitii.

”Gaa’ellii ykn hariiroon jalalleewwanii irra caalaan ibiddaan osoo hin taane cabbiidhaan adda bahu,” jetti qorattuun tun.

Jaalalleewwan muraasni, ”rakkoolee gurguddoo garaagarummaaf madda ta’an irratti dubbachuun furuuf baayyee rakkatu. Irraa fagaachuun siriiyyuu jaallalleewwan ykn haadha warraafi abbaa warraa ta’urra, gara namoota mana jireenyaa waliin qooddataniitti adeemu.”

”Osoo hariiroo keessa jirtanuu dhiisuuf kan yaaddan yoo ta’e, of eeggadhaa sababii garaa garummaa itti fufuun isaa hariiroo sanaa %69 nama haaraa biraatti dabarsaa jirtu waan ta’eef.”

Yoo gara jaalallee keessan kan duraatti deebitu ta’e ammoo, garaa garummaan duraa sun maal akka ta’uu danda’u beektu jechuudha. Nama ejjannoonsaa dhimmoota sanarratti duraan beekamu waliin hariirootti deebi’uun, baayyee nama haaraa waliin takka jedhanii eegalurraa salphaa ta’a.

Dhugaatti rakkoon duraa maal akka ta’e hubachuun garaa garummaan duraa sun amma jiraachuu sirriitti hubachuun baayyee gargaara jetti.

”Bakka duraan itti dhaabbatan irraa eegaltu,” jedhu Juudiit Kurinsikii oggeettiin hariiroofi quunnamtiisaalaa, akkasumas Pirofesarri Saayikolojiifi Barnoota Kolleejjii Barsistoota Yunvarsitii Kolombiyaa kan Niiw York keessaa.

Namoota muraaasaaf ”nama duraan waa’ee isaa omaa hin beekne irraa, kan waa’eesaa hanga tokko beektanitti deebi’uu wayya.”

Waan geedarametti gammaduu

Jaalalleewwan bashannana irra jiran

Bu’aan jaalallee duraatti deebi’uu kan biraa ammoo, wayita adda baatanitti dhimma geeddarame baruudha.

Tarii wayita nama haaraa waliin hariiroo eegaltanitti miidhamtanii ta’uu mala, sababii attamiin akka guddataniifi yeroo booda attamiin akka geedaraman irratti waa’eesaa omaa hin beekneefidha.

Sababiin jaalalleewwan duraa walitti akka deebi’an isaan tasisu keessaa tokko, waan ”akka waliin guddachuun waliin lafa buluun itti dhagahamuuf” jetti Kuriansky.

Violetee de Ayala Hoggantuu dhaabbata networkii dubartootaa FemCity jedhamu yoo taatu, attamiin waggoota 20 booda abbaa warraashee duraatti deebiitee bara 2019 akka heerumte dubbatti.

”Deebiinee wal beellamuu wayita eegallutti baayyee gaarii ture sababii duraan wal beeknuufi wantoonni tokko tokkoos geedaramanii turaniifis. Wayita adda baanee turreettis wantoota fooyyeessuu qabnu irratti hojjataa turre waan ta’eef, waliin ‘haaraa’ taaneerra,” jetti.

”Dhimmoota akka addaa baanuuf madda ta’an fooyyeessuuf irratti yoo hojjannu, adeemsa waliitti deebi’uu keenya nuuf bareechu. Abbaan warraa koo hariiroo keenya akka kan yoomuu hin dhabneetti osoo hin taane, akka kennaa isaatti ilaaluun jaalalaafi dinqisiifannaa naaf qabu ibsataa jira. Haalli kunis duraan hin turre,” jetti.

Gaam biraatiin ammoo, erga addaan bahuun turtaniin booda deebitanii haala rakkisaa duraaniin walfakkaatu keessa galtu yoo ta’u, bu’aa akka hin qabaannee baruu qabdu. Waan hin geedaramneetti deebi’anii seenuu hubachuun, yeroo lammaffaaf balaa walfakkaataaf akka hin saaxilamne ni baraara.

‘Mul’ata jaalalaafi quunnamtii saalaa’

Osoo jaalallee keessan duraa waliin walitti deebi’uun hariiroo hin eegaliin dura maaliif akka kana gotaan of gaafadhaa, sababiinsaa baayyeen dogongora ta’uu malaati.

Jaalallee duraatti deebi’uun gammachuun isaa inni tokkoo mijaa’inaa fi wal baru yoo ta’u, yeroo gara jireenya barameetti deebiinuutti gammachuun sun wal jalaan baduu danda’a.

Bakka itti dhaabdanii sanaa itti fuftu- Juditii Kuriansky

”Haala kanas mul’ata jaalalaafi quunnamtii saalaa jedheera,” jetti. Namoonni ammaan tana miira boruu maala akka ta’uu danda’u hin beekne keessa waan jiraniif nama kana dura jaalalaafi nageenya isaaniif kennee sanatti deebi’uuf barbaadu.

Dura garuu maaliif akka gara jaalallee keessan duraatti deebi’uuf murteessitan sirriitti hubadhaa.

Dhugaatti hariiroo nama sana waliin qabaachaa turtan waan dhabdaniif amma jaalalaafi walii yaaduu sanatti deebi’uuf immoo ykn, waan nama haaraa yaaluuf sodaattaniif?

Kana malees, osoo gara jaalallee duraatti hin deebi’iin dura yaada hirriyootaafi maatii adda baasuun akka barbaachisu gorsiti Kuriansky.

Kana jechuunis akka murtee kennaniif osoo hin taanee tarii tasgabbiin hariiroon keessaan duraa maaliif rakkoo akka uummate akka haalaan hubattan isin gargaaru malu ta’a. Haalli itti adda baatan kan rakkina qabu yoo ture, tarii jibba isini gorsuu danda’u waan ta’eef of eegannoo taasisuun barbaachisaadha.

”Yaada namootaatiif qophaa’aa. Tarii baayyeensaanii, maaltu ta’ee? Waliitti deebitanii? Ni qoostaa? Maaliif? jechuun yaadannoowwan duraa fa’i isin yaadachisuu malu ta’a,” jetti Kuriansky.

Yaadannoowwan duraa hunda hirriyyootaafi maatii qofa irraa osoo hin taanee, jaalallee keessan irraas dhagahuuf qophaa’uu qabdu. Isarratti hojjachuutu baayyee rakkisaadha. Garuu ammoo kan darbe akka dhimma darbeetti dhiisuun faayidaa qaba,” jetti de Ayala.

”Seenaan qotamu baayyeen hin jiraatu, bakka walitti deebi’amee kaasee attamiin akka adeemamurratti waliigaltee, dhiifamni, waliin dubbachuufi akka haaraatti eegaluuf amanuun hariirichi akka gara fuula duraatti itti fufu gargaara,” jetti.

Baayyeen keenya jaalala badeef yoo hawwiin of argina. Yoo dhugaadhaan, karaa fayya qabeessa ta’e barbaannee, ni argama. Garuu ammoo jarri lamaanuu hubannoo walfakkaatu qabaachuun murteessaadha.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s