Oduu Afan Oromo

Siyaasaa Itoophiyaa bara 2013: Waraana Tigraay, Hidha Abbayyaa, filannoo, hariiroo alaa ….

Fuulbaana 2021

Bara 2013 Itoophiyaan wantoota ijoo hedduu haala biyyattiifi ummata qormaata keessa galchanitu raawwate
Ibsa waa’ee suuraa,Bara 2013 keessa michoonni Itoophiyaa irra deddeebbin ibsa baasaa ”yaadda’uu” ibsaa turan

Barri 2013 xumuramaa jiru taateewwan gurguddoo garaa garaa biyya keessa qofaa osoo hin taane sadarkaa idil – addunyaatti Itoophiyaa ijoo dubbii taasise itti mudateera.


Barri kun erga waraana Itiyoo – Ertiraa waggoota 20’n dura xumuramee booda walwaraansiifi waldura dhaabbannaan biyyattii keessatti yerootti haalaan itti hammaatedha.

Sodaan beelaa, ajjeechaa garagaraa, muddam daangaa Itiyoo Sudaan, dhimma Hidha Haaromsa Abbayyaa, filannoon biyyaalessaafi kaan taatewwan gurguddoo kaan bara 2013 keessa raawwataniiru.

Kunneeniifi kaan michoonni Itoophiyaa ilaalcha bulchiinsa MM Abiy Ahimad irratti qaban akka sakatta’an, mootummaan Itoophiyaas fuula isaa gara deeggarsa biraa argatutti akka jijjiiru taasisaniiru.

Waggaan darbe kun dheeraafi wantoonni hedduu itti raawwataman ta’us gabaabsinee ilaalla.


Waraana kaaba Itoophiyaa



Haala amma jiruun waraanni Tigraay irra ce’ee naannolee sadii Kaaba biyyattii jiran waliin gaheera.

Lolli ALI Onkololeessa 24, 2013 (Sadaasa 04, 2021) Tigraayitti kan jalqabe yeroo ammaa Affaariifi Amaaraatti ce’eera.


Lolli kun haleellaa humnoonni Tigraay Izziiwwan waraanaa Naannoo Tigraay jiran erga rukutanii booda eegalus isa dura mootummaa federaalaafi dhaaba naannicha bulchaa ture gidduu muddamni yeroo dheeraaf ture.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad halkan keessa ibsa kennaniin buufanni waraana Itoophiyaa Kaaba biyyattii jiru humnoota TPLFf amanamoo ta’aniin rukutamuu dubbatan.

Tigraayitti haleellaan xiyyaaraa lubbuu namootaa galaafateBadhaasa Noobelii, Waraana Tigraay fi Filannoo – imala MM Abiy AhimadLoltoonni Itoophiyaa Tigraay keessatti ajjeechaa jumlaa raawwachuu ragaaleen mul’isan

Sana hordofees loltoonni Itoophiyaa lola itti baname akka ofirraa qolatan ajaja dabarsuu himan. MM Abiy Ahimad Noobelii Nagaa fudhatanii osoo waggaa hin guutin lola seenan jedhamuun guddaa qeeqaman.

Mootummaan Itoophiyaa lola kana ‘osoo hin fedhiin dirqamanii akka seenan’ ibsan.

Hogganoonni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABBUT/TPLF) immoo Izziin Kaaba Itoophiyaa haleeluun tarsiimoo ‘dursanii ofirraa ittisuu’ akka ta’e himan.

Izziin waraana Itoophiyaa Maqalee jiru yeroo dheeraaf daangaa Ertiraafi gama Sudaaniin jiru eegaa ture akkasumas lakkoofsa humna waraanaanis ta’e meeshaa waraanaan isa guddichadha.

Dhaabbileen idil-addunyaa lolichi nagaan akka xumuramu yaalii taasisaniin Itoophiyaan dhimma keessooti jechuun oppireeshinii waraanaa ”olaantummaa seeraa kabachiisuu,” ta’u labsite.

Ta’us, biyyoonni gurguddoofi dhaabbileen lolli Itophiyaa keessaa biyyoota Gaanfa Afrikaaf yaaddessaa ta’u irra deddeebbiin himuufi yaadda’u isaanii ibsuu itti fufan.

Lola torban sadii booda humnoonni federaalaa Maqalee to’achuun injifannoo labsan. Haa ta’u malee, lolli achitti hin dhaabbanne. TPLF gaaratti seenuun riphee loltummaa eegalte.

Ummanni kuma 60 ol Naannoo Tigraayirraa ka’un gara Sudaanitti ce’un baqataniiru. Kaan hedduun immoo bakkeewwan Lixa Tigraayirraa Shireefi Magaalota Tigraayitti baqatan.

Qondaaltonni olaanoo TPLF lola kana irratti qabamaniis ta’e ajjeefaman ni jiru.

‘Bakka baqattummaan itti dhaladheettin ijoollee tiyya waliin baqadhee deebi’e’

Lola kana keessa bakkeewwan garagaraatti ajjeechaawwan jumlaa, haleellaan saba irratti xiyyeeffate, gudeeddii, baqattoonni Ertiraa kaampii keessa turan miidhamuufi qabeenyi guddaa barbadaa’eera.

Booda kana Ministeerri Barnootaa akka ibsetti taanaan waraana Kaaba Itoophiyaan manneen barnootaa 7000 ol hamma tokkoofi guutummaa guututti barbada’aniiru.

Badii kana keessa qaamoleen lola keessa hirmaatan hunduu akka shakkamaniifi qoratamaa akka jiran Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) ibseera.

Ji’oota torbaa oliif waraanni Itoophiyaa Maqalee fi magaalota gurguddoo to’achuun bulchiinsi yeroo Tigraay hundaa’e. Mootummaan Tigraay deebisanii ijaaruuf deeggarsa naannolee gaafachuun hojjetaa ture.

Ta’us, qondaaltonni bulchiinsa yeroo kan mootummaan hidhattoota TPLF itti yakkeen ajjeefamu itti fufan.

Ulaan deeggarsaa danqamuun akkasumas hojjettonni deeggarsa namoomaa 10 ol ajjeefamuun ijoo dubbii dhaabbilee deeggarsa namoomaa kennanii ture.

Loltoonni Ertiraa Aksumitti lammiilee nagaa 200 ol ajjeesuu Aminastii Intarnaashinaal ibse

Badiiwwan garaa garaa mudateef kaan isa kaan himata ture. Waraanni Ertiraa waraanicha keessa qooda fudhachuu mootummaan dhoksaa turuus boodarra jiraachuufi akka bahan ifatti dubbate.

Baatii Waxabajjii keessa osoo hin eegamiin yeron qotisaa gahuufi kaan eeruun humni mootummaa federaalaa dhukaasa gam-tokkee dhaabuu labsuun Naannoo Tigraay keessa bahuu ibse.


Lola Tigraayin daa’ima miilashee dhabdeefi yaaddoo abbaa

Yeroo kanattimmoo humnoonni TPLF baatii dheeraa booda magaalaa guddoo naannichaa Maqalee to’achuu danda’aniiru. Ta’us, haal-duree malee lola hin dhaabnu jechuun ibsan.

Ajjeechaa jumlaa – Maayikaadiraatti wanti ta’e maali?

Mootummaan federaalaa TPLF sadarkaa ”yaaddoo” tahurra hin jiru jechuun erga Tigraayi bahee booda ibsuus finciltoonni Tigraay garuu Maqalee to’atanii Amaaraafi Affaar adeemuun lola banan.

Kanaanis naannolee lamaati qofa ummanni 500,000 ol qe’eerraa buqqa’uu mootummaan ibseera. Gaalikoomaa dabalatee ajjeechaan humnoonni TPLF itti himatamanis gabaafamaniiru.

Yeroo kanatti ture naannoleen Itoophiyaa garaa garaa humnoota addaa isaanii gara daangaa Affaariifi Amaaraa erguun Raayyaa Ittisa Biyyaa tumsuuf sochii kan eegalan.

Sadarkaa guutuu biyyaattimmoo dargaggoonni hedduu raayyaa akka seenan taasifame.

Kana gidduutti tajaajilli intarneetii, ibsaa, telekominikeeshinii, baankiifi bishaan Naannoo Tigraayitti yeroo kaan dhufaa yeroo kaan badaa ture erga TPLF Maqalee to’atee booda hunduu cufamee jira.

Naannoo Amaaraa Kaaba Gondaritti jumlaan reeffa namootaa argame

Keessumaa ummanni 400,000 balaa beelaaf saaxilamuufi Tigraayfi Afaar dabalatee immoo ummanni miiliyoona 7 ta’u deeggarsi namoomaa akka isa barbaachisu UN gaafataa jira.

WaraLolli haleellaa ABBUT/TPLF’n eegalee ergasii riphee loltummaa seeneefi naannoleen kallattiin irratti hirmaatan taasifame booda bifa biraa qabateera.

Mootummaan federaalaa labsii dhukaasa dhaabuu labse sababa TPLF’n furmaata akka hin fidne ibsuun lammiin lola keessa hirmaatu danda’u hundi akka lolu waamicha dhihesse.


Walumaagala Tigraay, Affaariifi Amaaraatti ummanni miiliyoona 7’tti siqu beelaaf saaxilamuu malu jedhe WFP’n

Lolli kuni ammallee akkuma itti fufetti jira. Torbanuma darbe waraanni Itoophiyaa fi finciltoonni Tigraay lola keessa walirra aanuu himaniiru. Garuu, qaama walabarraa mirkaneessuun ni rakkisa.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniifi biyyoonni kaan rakkinni Itoophiyaa keessaa waraanaan akka furmaata hin arganne eeruun jaarsummaa akka xumuramu gaafatuu itti fufaniiru.

Haa ta’u malee, gama lamaaniinuu fedhiin mariidhaan fixuu wanta jiru hin fakkaatu. Ta’us, sochiin mariidhaan furuun taasifamu akkuma itti fufeetti jira.



Muddama Daangaa Itiyoo – Sudaan



Itoophiyaafi Sudaan lola seenu ta’a jedhamee yeroo dheeraaf kan sodaatamaa tures baruma kana ture. Gama Kaaba Bahaan Itoophiyaafi Sudaan wal daangessu.

Lafti qotisaa laggeen gidduu argamuufi qotisaaf mijataa ta’e, al – Fashagaa jedhamu, biyyoota lamaan yeroo dheeraaf waldhabsiisaa ture ammas furmaata hin arganne.

Waraanni Itoophiyaa bakkicha ture yeroo lolli Tigraayitti eegale socho’uu hordofee ture waraanni Sudaan bakkicha kan to’ate. Itoophiyaan kana irra deddeebbiin eeruun mormii dhageessisaa jirti.

Sudaan immoo bakkichi daangaa idil-addunyaa Sudaan keessa akka argamu eeruun lafti kan ishii akka ta’e eerte. Rakkoon muddama lafaa kuni garuu yeroo dheeraaf kan tureefi furmaata hin argannedha.

Haleellaa yeroo garaagaraatti raawwateen qonnaan bultoonni Itoophiyaa al-Fashagaatti qotaa turan qabeenya isaanii dhiisanii deebi’uf akka murteessan himaniiru.

Waraanni Sudaan immoo hidhattoonni gama Itoophiyaa irraa raawwataniin lammiileen nagaa ajjeefamuu ibsaa ture.

Waraanni Sudaan bakkicha erga to’atee booda bu’uraalee misoomaa irratti ijaaraa akka jiru ibseera. Boodarra Sudaan muddama kana eeruun Itoophiyaan humna nagaa kabachiisaa Abiyee keessaa akka baatu gaafatte.

Itoophiyaafi Sudaan akkamiin daangaarratti wal dhaban?

Gaaffiin kunis booda kana UN biraa fudhatama argatuun ibsameera.

Itoophiyaan rakkoon ijoo bulchiinsa sivilii osoo hin taane waraana Sudaan kan fedhii biyya sadaffaa galmaa’an gahaa jira jechuun himatuus waraanni biyyattii garuu kana hin fudhatu.

Biyyoonni lamaan daangaan ala hidha Abbayyaa Itoophiyaan ijaaraa jirtu irrattis waliigaltee hin qabani. Keessumaa Sudaan hariiroo Masrii waliin cimsachuun Itoophiyaa mufachiiseera.

Biyyoonni lamaan, Masriifi Sudaan, erga bara 1970 keessaa yeroo jalqabaaf shaakala waraanaa waliinii kan gaggeessuu eegalanis baruma kana ture.



Hidha Laga Abayya marsaa lammataaf guutuu



Itoophiyaan hidha guddicha laga dheeraa addunyaa Abbayyaarratti ijaaramaa jiru marsaa lammataaf ‘milkaa’inaan’ xumuruu kan beeksiste baruma kana keessa ture.

Haa ta’u malee, Masriifi Sudaan osoo waliigalteen hin raawwatiin Itoophiyaan hidha kana guutuu hin qabdu jedhanii waywaataa turan.

Itoophiyaa, Sudaaniifi Masriin waraanatti seenuu danda’uu?

Dhimmicha mana maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irra deddeebbiin deemes ilaalamee ture.

UN biyyoonni sadan gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti rakkoo isaanii akka furan kallattii kennuus mariin kuni furmaata fidaa hin jiru. Waliigalteerra gahuu dhabuuf immoo biyyoonni sadan wal himatu.

Waggaa duras Itoophiyaan muddama keessa hidha Abbayyaa marsaa jalqabaaf guutuu ishee beeksifteetti.

Qondaaltonni Itoophiyaa ejjennoo hidha Abbayyaarratti qabaniif dhaabbilee idil – addunyaafi biyyoota garaagaraa irraa dhiibbaa adda addaaf saaxilamuu himu.

Isa lammiileen 40,000 ol Sa’udii Arabiyaa irraa akka deebifaman taasifame kanaan akka walqabatu Ministirri Muummee Abiy Ahimad kana dura dubbatanii turani.


Ajjeechaa hammaate



Ajjeechaa Jumlaa Maayikaadiraa, Aksumiifi kaan Kaaba biyyattiitti mudateen alatti bakkeewwan Itoophiyaa garaagaraatti ajjeechaan hedduu bara kana mul’ateera.

Jalqabuma waggaatti ture ajjeechaan gama lixa biyyattii Benishaangul Gumuzitti kan hammaate.


Alamuu Bayyanaan haleellaa Benishaangulitti raawwateen haadha warraafi ijoollee isaa sadii duraa ajjeefamu hime

Ajjeechaa duraa Godina Matakkal Aanaa Bulanitti raawwateen lammiileen 200 ol ajjeefamuun mirkanaa’eera. Ajjeechaan kuni MM Abiy naannicha daawwatanii bulee isaa raawwate.

Ajjeechaa bulaniin maatii tokko keessaa namoonni 10 fi isaa ol lafni bari’uuf jedhu haala sukaneessaan ajjeefamuu jiraattonni BBC’tti himanii turan.

Ajjeechaa kanaafi isa booda Godina Kamashiifi bakkeewwan naanncihaa garaagaraatti raawwateef hidhattoonni Gumuuz himataniiru.



Saboonni Oromoo, Amaaraa, Hawwiifi Shinaashaa naannicha jiran ajjeechaaf saaxilamaniiru. Inumaa hidhattoonni kunneen Godina Kaamashiitti magaalaa Diizaa guyyoota lamaaf to’atanii turan.

Benishaanguliin ala Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gullisoo, Baabboo Gambeel, akkasumas aanaalee Horro Guduruu Abee Dongoroo, Amuruufi Abbaay Coommanitti ajjeechaan raawwateera.

Bakkeewwan kanneenitti walumaagala lammiileen dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamaniiru.

Dhihoo immoo Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuutti walitti bu’iinsa uumameen lammiilee nagaa 200 ol ajjeefamuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibseera.

Ajjeechaa kanneen hedduuf hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ABO-Shanee jedheefi galmee shororkeessummaatti galmeesse himatamaniiru.

Haleellaan Wallagga Bahaatti lubbuu namoota hedduu galaafate akkamiin dhaqqabe?

Jiraattonniifi qondaaltonni isaan himatanillee hidhattoonni garuu ni waakkatu.

WBOn ammoo himannaa kana haaluun, “ummata nagaan ajjeesa osoo hin taane, milishoota hidhatanii ummata nagaatti dhufanan irraa ittisa,” jedheera.


Awwalcha jumlaa namoota haleellaa Godina Matakkal Aanaa Bulan Ganda Bakkuutti raawwate

Naannoo Amaaraatti immoo walakkeessa waggaa kana bakkeewwan Godina Addaa Saba Oromoofi Shawaa Kaabaa daangessanitti walitti bu’iinsa dhalateen dhibbaan kan lakkaa’aman lubbuu dhabaniiru.

Kumaatamaan kan lakkaa’aman immoo qe’eerraa buqqa’uun bakkeewwan kaanitti baqatan. Boodarra Raayyaan Ittisa Biyyaa bakkichatti sosso’ee tasgabbeessuu danda’eera.

Walitti bu’iinsa bakkeewwan Naannoo Affaariifi Somaalee daangessanitti dhalateenis lammiileen dhibbaan lakkaa’aman hidhattoota dabalatee lubbuu isaanii dhabaniiru.

Lola Affaari fi Somaaleen namootni hedduun ajjeefaman, hedduun buqqa’an

Walitti bu’iinsi kuni daandii guddicha Itoophiyaafi Jibuutii qunnamsiisu yeroo muraasaaf akka adda citu dirqisiise ture.

Ajjeechaawwan kanneeniifi kaaniin lammiileen qe’eerraa buqqa’aniifi gargaarsa fedhan danuudha.



Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa 2013

Itoophiyaan waraana keessa osoo jirtuu filannoo biyyaalessaa jahaffaa kana dura sababa koronaavaayirasiin as darbee ture adeemsisteetti.

Filannoo erga MM Abiy aangotti dhufanii yeroo jalqabaaf taasifame irratti keessumaa Naannoo Oromiyaa irraa paartileen morkattoota cimoo ta’u umalan, ABO fi KFO, filannoo keessaa of baasaniiru.

Paartileen kunneen waajjiraaleen isaanii cufamuufi miseensonni isaanii hidhaman hiikaman malee filannoo keessa hirmaachuu akka raakkatan ibsuun of keessaa baasuu himan.

Oromiyaatti morkiin cimaa dhibuus magaalaa Finfinneefi Naannoo Amaaraatti morkiin cimaa taasifameen keessumaa Naannoo Amaaraatti paartileen mormituu paarlaamaa seenuu danda’an’iru.

Rakkoon nageenyaa filannoo kana danqa jedhamee sodaatamuus bakkeewwan qubaan lakkaa’amanirraa kan hafe nagaan xumurame.

Filannoon biyyaaaleessaa Itoophiyaa biyyattiin osoo rakkoo nageenyaa keessa jirtu gaggeeffamus gara caalu nagaan xumurame
Ibsa waa’ee suuraa,Filannoon biyyaaaleessaa Itoophiyaa biyyattiin osoo rakkoo nageenyaa keessa jirtu gaggeeffamus gara caalu nagaan xumurame

Filannoon kuni rakkoo nageenyaan bakkeewwan itti hin adeemsifamnees ni qaba ture. Akka fakkenyaatti Tigraay dabalatee, Naannoon Somaalee akkasumas bakkeen rakkoon jiru hin taasifamne.

Filannoo kana Paartiin Badhaadhinaa olaantummaan injifateera. Qeeqxonni, Ameerikaa dabalatee adeemsaafi bu’aa filannoo kana fudhatama dhabsiisaniiru.

Paartiin biyya bulchummoo ‘filanno dimookiraatawaa jalqabaa’ jechuun leellisan.

Bu’aa filannoo kana bu’uura godhachuun mootummaan haaraa Fulbaana dhufu akka hundaa’u Af yaa’iin Mana maree Ummataa Itoophiyaa ibsaniiru.

Mootummaa haaraa keessatti miseensonni paartilee mormituu akka seensifaman kana dura ibsamuun ni yaadatama.

Hariiroo alaa Itoophiyaa

Barri 2013 yerootti hariiroon alaa Itoophiyaa itti qorameefi biyyattiin ibsa ofirraa deebisuu itti baasaa fi himatawwan itti dhihaataa turan itti deebisaa turtedha.

Yeroo kamuu caalaa dhimmi waraana Kaaba Itoophiyaa, muddamni daangaa Itiyoo – Sudaan akkasumas dhimmi hidha Abbayyaa dhimmoota ijoo dippilomasii Itoophiyaa qoran turani.

Mana Maree Nageenyaa UN
Ibsa waa’ee suuraa,Manni Maree Nageenyaa UN waggaa baranaa qofa dhimma Itoophiyaa keessaa si’a saddeetii ol mari’ate

Keessumaa Itoophiyaan waraana Tigraay keessaa dhaabuun mariitti yoo deebite malee jechuun jalqaba Gamtaan Awurooppaa boodarra immoo Ameerikaan tumsa biyyattiif taasisan kutaniiru.

Qondaaltonni Gamtaa Awurooppaafi Ameerikaa, addatti dhimma Gaanfa Afrikaa hordofuuf muudaman irra deddeebbiin Itoophiyaatti imalaa marii taasisaas turaniiru.

Boodarra Ameerikaan qondaaltota waraanaa Itoophiyaa Ertiraa akkasumas kan TPLF gara Ameerikaa akka hin imalle qoqqobuu beeksifte.

Deggarsa nageenyaafi dinagdee Itoophiyaaf taasistuus kutuu himte. Xiinxaltoonni murteen kuni biyyoota lamaaniifi Gaanfa Afrikaa miidha jechuun ibsu.

Qondaaltonni Itoophiyaa murteen Ameerikaa dhimma waraana Kaaba Itoophiyaan osoo hin taane ejjennoo biyyattiin hidha Abbayyaarratti qabatten akka ta’e ibsuun mormu.

Hiriirri biyyoota Lixaa balfuufi dhimma keessoo biyyaa keessaa akka bahan gaafatus irra deddeebbiin magaalaa Finfinneefi magaalota biyyattii garaagaraatti taasifamaa ture.

Dhihoo immoo Ameerikaan waraana Tigraay keessa badii raawwatewn himachuun Ajajaa waraana Ertiraa Janaraal Filippos W/Yohaannis qoqqobdeetti. Ertiraan kana mormiteetti.

Waggaa dhuma kana Manni Maree Nageenyaa UN dhimma Tigraay irratti si’a saddeet mari’ateera. Dhimma hidha Abbayyaa irratti gaaffii Masriin mariin irra-deddeebiin taasifameera.

Marii kanneen irratti Chaayinaafi Raashiyaan Itoophiyaa waliin goranii mul’ataniiru.

Jo Baayidan fi Abiy Ahimad
Ibsa waa’ee suuraa,Pirezidant Joo Baayidan ibsa baasaniin Tigraay keessa lolli akka dhaabatu dhaamaniiru

Masriinis dhimma hidha Abbayyaan walqabatee biyyoota Bahaafi Gaanfa Afrikaa garaagaraa waliin waliigaltee waraanaafi kaan mallatteessaa baate.

Qondaaltonni Itoophiyaa US fi Gamtaan Awurooppaa TPLF waliin gorani jechuun himatan boodarra michuu haaraa barbaacha Raashiyaafi Turkii akkasumas Chaayinaa waliin hariiroo cimsataa jiru.

Itoophiyaan Raashiyaafi Turkii waliin waliigaltee waraanaa mallatteessiteetti. Keessumaa hariiroon Masrii waliin ture yeroo dheeraaf kan diinagdee ture.

Itoophiyaan hariiroo alaa ishee irra deebiin ilaaluufi rakkoo maallaqaa eeruun embaasiiwwan 30 ta’an cufuuf akka jirtu kan beeksiftellee baruma kana keessa ture.

Galmee shororkeessummaa seenuu TPLF fi WBO

Paarlaamaan Itoophiyaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABBUT/TPLF) fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) galmee shororkeessummaatti galches baranuma ture.

Murteen kuni akka jijjiirama imaammataa ‘policy shift’ bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimad agarsiisuu danda’a.

Bulchaan Itoophiyaa waggaa sadii dura yeroo aangotti dhufan ture dhaabbileen kana dura ABBUT/ADWUI’n galmee shororkeessummaa jala turan akka bahan kan taasisan.

Miseensonni paarlaamaa irra deddeebbiin gareen lamaan akka galmee shororkeessumamatti seenan gaafataa turuun ni yaadatama.

Keessumaa erga bulchiinsi ammaa aangootti bahee ajjeechaafi hookkarri siyaasaaa 200 ol qaqqabe keessatti ABBUT faayinaansiifi yaadaan deeggaraa ture jechuun mootummaan himata.

Garichi immoo kana hin fudhatu. Sochii hidhattoonni Oromiyaa keessa taasisaniis yeroo dheeraaf mootummaan ‘ergama TPLF raawwachiisaa jiru’ jechuun himataa ture. Ta’us, isaan ni mormu.

Haa ta’u malee, booda kana gareen lamaan ‘bulchiinsa MM Abiy meeshaan aangoorraa bulchuuf waliigaluu’ isaanii beeksisan.

Mootummaan ‘kuni ajaa’iba miti duruu hojjetaa akka turan ni beekna’ jechuun ibse.

Mootummaan Caamsaa keessa garee WBO kan ABO-Shanee jedheen waamu galmee shororkeessitootatti yeroo galmeessu garichi baatiiwwan sagala bara 2013 keessa qofa poolisoota 112 fi milishoota 57 ajjeesuu hime.

Akkasumas qondaaltonni mootummaa 18 ajjeefamuu ibseera. Ergasii asiis yeroo adda addaatti ajjeechaan raawwatamaa turan.

Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo waggaa lama ture Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) irraa adda cituu isaanii kan beeksisan.

Hidhattoonni kunneen waggoota sadan darban bakkeewwan Lixaafi Kibba Oromiyaa bulchiinsa MM Abiyyiif akka hinbulle rakkisaa taasisaa turaniiru.

Kana gidduutti lammiileen rakkoolee hedduuf saaxilamaniiru. Yeroo ammaas godinaalee wallagga afranitti tajaajilli intarneetii adda citee jira.

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s