BREAKING NEWS, Oduu Afan Oromo

WBO’N HIDHAAMTOOTA SIYAASAA 100 HIIKE

WBO’n Wallaga bahaa Sassigatti lola cimaa geeggessudhaan waraana mootummaa erga mo’atee booda hidhamtoota siyaasa 100 ta’aan hiikee jira. Madoon waraana mootummaa Hospitala wallagaa Yuniversiitiitti dhiyeenya naqaamtee keessaþi argamuutti kan geeffamaan ta’uu odaa tarbii toora tiwiteera isaa irratti maxxansee jira

Gaafa hagayya 31 ganama WBO’n waajira polisii saasiggaatti dhukkaasa bane.

Humna waaranaa mootummaa konkolaataan piikaapii sadii deegarsaaf ukkee ergamee tures gutummaan guutuutti owwataa irratti barbaadeeffameera

Humni gargaarsaaf agar guutee irra dhufan konkolaataa 3f sadi guutummatti bakka afata (mandara 6) jedhamutti barbaadaa’e.

Waaree boodaa humni mootummaa guutummaatti sassigaa keessaa mo’amii akka bahan ta’ee hidhamtootni siyaasaa 100 hiikamaan. Bulchaan. Kantiibaan Genatii Taayee jedhamu akkasumas hoggaanaan dhimma nageenyaa Daasalany Ebiyo waraanaa mootummaa waliin baqatanii bahan.

Galgala naannoo sa’aatii lamaa humni mootummaa uke jiru humnaan konkolaataa uumataa fudhatee madoo isaa fi kanneen du’an gara naqamteetti geessa turan.

Naqamtee irra konkolaatan 3f lamaa fi Ambuulaasiin 3 ergamtee madoo fi kanneen du’an gara naqamteetti geessa turan.

Sa’aatii 4:30 waraanni konkoolaata 3f sadii fi oraaliin 1 WBO irratti dhukkasa banaanis bakka mandara 3 jedhamuutti guutummaan guutuutti barbaada’eera.

Gama biraatiin immoo Injifannoon boonsaan shawaa lixaa Gindibaratitti akkasumas Arsii Gololchaatti argamee jira.

WBO’n injifannoo isaa tikfachaa gara fulduraatti tarkaanfachaa jira.

WARAANA BILISUMMAA OROMOO

Oromo Liberation Army

1 thought on “WBO’N HIDHAAMTOOTA SIYAASAA 100 HIIKE”

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s