Oduu Afan Oromo

Waraana Tigraay: Waldhabdee daangaa Amaaraafi Tigraayiif furmaanni waraanaan moo seeraan?

Loltoota konkolaataan kaaba Itoophiyaatti

Waraanni Kaaba Itoophiyaa, Tigraay keessatti Sadaasa 2020 eegalee baatii sagaliif itti fufuun naannoolee ollaa keessatti babal’ataa jira.

Waraanni kun humnoonni TPLF raayyaa ittisa biyyaa kan Kaaba biyyattii buufatee turerratti haleellaa raawwate jedhamuun ajaja MM Itoophiyaa Abiy Ahimad kennaniin ture kan jalqabame.

Naannoo Tigraay waliin waldhabdee daangaa bara dheeraaf kan qabu naannoon Amaaraa, yeroo tarkaanfiin ‘seera kabachiisuu’ fudhatametti humnoota isaa raayyaa ittisa biyyaa waliin hiriirseera.

Mootummaan Federaalaa tarkaanfii ol-aantummaa seera kabachiisuudha jechuun gaggeesse kana turtii baatii saddetiin booda labsii dhukaasa dhaabuu gam-tokkee dhuma Waxabajjii labsuun naannichaa bahuu beeksise. Tplf garuu akka jedhutti mootummaan federalaa dhukasa dhaabuuf utuu hin taanee mo’atamee yeroo qophii dabalataa bitachuuf addunyaa sobe, bu’uraalee misoomaa diigee Uumata Tigiraayitti ulaa deegarsaa cufe baheera jedhe malee guyyaa tokkoof dhukkasa dhaabee hin beeku jedhu.

Haata’u malee, waraannichi gama humnootii TPLFn hin dhaabanne. Humnootiin TPLF waraana itti fufuuf sababoonni kaasan keessaa tokko lafti osoo waraanichi hin jalqabiin dura qaama naannoo Tigraay ture humnootii Amaaraatiin qabameera kan jedhudha.

Ofii waldhabdeen daangaa naannoolee gidduutti yoo mudatu qaamni furmaata keennuu qabu eenyu? Seeraan aangoon kan keennameef Manni Maree Federeshinii dhimma kana furuu maaltu danqe? Dhimma kana seeraanimoo waraanaan furuutu fala sirriidha?

Gaaffilee kanneeniifi kan biroorratti BBC’n torban darbee ogeessoota seeraa haasofsiisuu isaa gaabasee ture.

Loltoota dhaabbatan

Seerri biyyattii maal jedha?

Akka bu’uura Heera Mootummaa Itoophiyaatti, dhimma daangaa irratti naannolee lama gidduutti yoo wal dhabdeen uumame gidduu seenuun furmaata kennuuf kan aangoo qabu Mana Maree Federeeshinii ti.

Heera Mootummaa Itoophiyaa keewwata 48/1 irratti, waldhabdeen daangaa naannoolee lama gidduutti yoo mudatu Manni Maree Federeshiinii akkaataa quubsumaafi fedhii uummataa ilaallatuun furmaata akka kennu kaa’a.

Kanaaf, waldhabdee amma ‘anaaf mala’ jechuun lafaarratti humnoota TPLF fi naannoo Amaaraa gidduutti gaggeeffamaa jiruuf Manni Maree Federeeshinii furmaata Heeraafi seeraa kennuu maaliif dadhabe?

Gorsaa Ijaarsa Nagaa, Dimokraasiifi Heeraa kan ta’eefi biyya Nezerlaandis kan jiraatan Dr Adam Kaasee, rakkoo akkasii furuuf Heerri Mootummaa aangoo kan kenne Mana Maree Federeshiniif jedhu. “Haa ta’u malee, rakkoo kana furuuf gama TPLF’n Mana Maree Federeeshinii irraa amanamummaa waan hin qabneef amma furmaata fida jedhee hin yaadu,” jedhu.

Waldhabeen kun adeemsa heeraatiin haa furamu yoo jenne haala siyaasa amma biyyattiin keessa jirtu hubachuu dadhabuurraa tahuu mala jedhan.

Hayyuun Seeraa Ameerikaa jiraataniifi siyaasa Itoophiyaa ammaa qeequun beekaman, Dr Henook Gabbisaa, ejjennoo kana deeggaruun, seeraafi heeraan rakkinicha furuun kan danda’amu waraana keessatti osoo hin taane yeroo nagaan jiruttidha jedhan.

Karaa Mana Maree Federeeshiniifi seeraan waldhabdee daangaas ta’e siyaasaa furuuf amma yeroon isaa darbeera kana jedhan Dr Henook, qaamoleen waldhaban hundi gadi taa’uun marii siyaasaa biyyaalessaa gochuutu biyyattiif furmaata fiduu danda’a jedhu.

Dr Henook Gabbisaa qaamoleen kunneen erga waraanaatti galuun lubbuun hedduun badee booda, seerri hojiirra oola jedhanii yaaduun rakkisaa ta’a jedhan.

“Jalqabamuma waldhabdeen kun karaa seeraatiin akka furmaata argatu osoo kan barbaadu ta’ee waraanaan osoo hin taane mariifi falmiin furmaata argata ture. Sun ammoo ji’a sagal dura carraansaa darbe,” jedhan.

Wadhabdeen kun dhimma daangaa qofa miti kan jedhan hayyuun kun, “ilaalcha siyaasaa duraan ture irraa kan maddedha, Ta’us waraanni qaamolee lamaaniifuu furmaata ta’uu hin danda’u,” jedhan.

Sababiinsaas lolli furmaata garaagarummaa siyaasaa ykn waldhabdee lafaa hiika jedhee hin yaadu kan jedhan Dr Heenook, “qaamni lolichaan mo’atee yeroof lafas deebifattee, sirna ijaarrattee, aangoos argata ta’a. Garuu inni mo’ame ammoo miidhaa isaa kulkulfatee gara fuulduraatti lola biraaf of qopheessa waan ta’eef lolli furmaata waaraa hin ta’u,” jedhan.

Waraanni furmaata ta’a osoo jedhameeeyyuu miidhaalee akka ajjeechaa namootaa, miidhamaa qaamaafi rakkoo siyaasaa biraa dhiisee darba jedhan, Dr Heenook.

Akkasumas, walitti bu’insa daangaa Itoophiyaa bakkeewwan adda addaatti ka’u akka furuuf MM Itophiyaa Abiy Ahimad Komishinii Dhimmoota Eenyuummaa fi Bulchiinsa Daangaa addatti ilaalu hundeessuun isaanii ni yaadatama.

Komishiniin kun garuu wayita dhimma hundeeffameef furuuf socho’u ifatti hedduu hin mul’anne.

Dr Adam Kaasee, “Komishinii Dhimmoota Eenyuummaa fi Bulchiinsa Daangaa MM Abiy hundeessaniinis ta’e, Manni Maree Federeeshiin rakkinicha furuuf haalli siyaasa biyyattii ammaa waan eeyyamuu miti. Rakkoon amma jirus sanarra waan darbeef, qaamoleen lamaan waliigaltee uumuu qabu jedheen yaada,” jedhan.

Walumaagalatti, waldhabdeen daangaa naannolee lamaanii humnaan hiikama amantaa jedhu hin qabu jedhu.

”Waldhabdeen daangaa waraanaan hiikama jedhee hin amanu. Qaamni kamiyyu amma waraanicha yoo mo’ate, guyyaa tokko qaamni injifatame yeroo eegee ka’un waraanatti galuun isaa waan oolu miti,” jedhan Dr Adam.

Qaamoleen lamaanuu maal wayya jedhanii karaa nagaan waliin dubbachuun erga walii mallatteessanii booda gara seeraatti jijjiiruun manni maree akka mirkaneessuuf dhiyeessuutu furmaata ta’a, jedhu hayyuun kun.

”Ammatti haalli adeemsa seeraa wal amantaa qabu waan hin jirreef furmaata kan ta’u kana jedheen yaada,” jedhan.

Dr. Henook gama isaanitiin Komishinii Dhimmoota Eenyuummaa fi Bulchiinsa Daangaa MM Abiy waggoota sadiin dura hundeesse hojii hundeffameef akka hin raawwanneef rokkoolee lamatu madda jedhu.

”Kan jalqabaa ilaalacha siyaasaa miseensota Komishinichaa kan Heerri biyyattii lafa kaa’u waliin kan deeman miti. Itoophiyaa keessa sabaafi sablammota garaagarummaa qabantu jiru. Miseensoonni Komishiinii sanaa ammoo kan waan Heerri biyyattii jedhu waliin rakkoo qabanidha,” jedhu Dr Henook.

Qabxii lammaffaan ammoo, ”Komishinichi heeraan bu’uureffamee kan hundaa’e osoo hin taanee kan aangoo dhuunfaa MM Abiy Ahimediin ijaarame ta’udhaa. Kanaaf, jarri kunneen akka fedha isaatti malee akk heeraan barbaadametti hojjechuu hin danda’an,” jedhan.

Ameerikaa Meeriiland kan jiraataniifi dhimma Walqaayitiifi naannoo ishee irratti qorannoo gaggeessuu kan dubbatan Obbo Achamyellee Taammiruu ammoo yaada Dr Adam Kaasee qaamoleen lameen walii malatteessuun waliigaltee irra gahuu qabu jedhan ni mormu.

”Lafti amma naannoon Amaaraa gaafachaa jiru duras humnaan jalaa waan fudhatameef karaa humnaan deebisuun tarkaanfii sirriidha,” jedhu.

TPLF bara qabsoo gochaa ture sana Tigraayiin akka biyyaatti ijaaruuf ulaa gara Sudaanitti isaan baasu barbaacha humnaan weeraruuf karoorsuun waggoota 30 darbaniif qabatan kan jedhan Obbo Achaamyelleen, ammas dhimmichi karaa mariitiin furmaata argata jedhee hin amanu jedhan.

Rakkoon daangaa kun naannoo Tigraayiifi Amaaraa gidduutti qofa osoo hin taane, Tigraayiifi Affaar, Affaariifi Somaalee, Oromiyaafi Somaalee, Amaaraafi Oromiyaa gidduuttis ka’aa ture.

Dr Adam Kaasee gama isaanitiin, sirni ijaarsa Mana Maree Federeeshinii akkuma duraatti namoota ilaalcha siyaasaa walfakkataa qabaniin ta’unsaafi dhaabbileen akka mana murtiifi haqaa walaba ta’uu dhabuun isaanii, rakkoolee ka’aniif furmaata kennuuf humnas ta’e fedha isaa agarsiisaa hin turre jedhan.

”Amma rakkoolee kanneen furuuf sirni haaraan nu barbaachisa. Garuu haalli daangeeffama naannolee gidduu afaaniifi sabummaan ta’uu qabaatammoo ykn kan biraan jiraachuu qaba jedhu irratti waliigalamuu qaba,” jedhan.

Sababiinsaas, ”haaluma duraan tureen itti haa fufu yoo jedhame, dursa gaaffilee ka’aniif akkamitti deebii kennina kan jedhuuf sirna haaraatu barbaachisa.”

Manni Maree Federeeshini har’as duris sirna siyaasaa tokko jala waan jiruuf, kana jalaa ba’ee sirni walaba ta’ee furmaata kennu ni barbaachisa kan jedhan Dr Adam Kaasee, haala amma jiruun ammoo Manni Maree Federeeshinii sadarkaa rakkolee kanneeniif furmaata kennurra hin jiru jedhan. Ammatti naannoon Tigiraay mana marichaa keessaa bakka bu’oota hin qabu.

Qabiyyee lafaa ‘Ristii’ deebifachuu

Obbo Achaamyelleen naannoon Amaaraas waraana naannoo Tigraayitti jalqabeen booda lafa isaa TPLF humnaan jalaa fudhate deebifachuu hima.

Hayyuu seeraa Dr Adam Kaasee gama isaaniin, naannoon Amaaraa gaaffii lafaa waggoota dheeraaf kaasaa turus waraanaan qabachuuf waan karoora qabu hin turre jedhu.

Bakkeewwan naannoleen lameen amma irratti waldhaban gaaffii siyaasaa guddaa naannoo Amaaraa ta’uun waggoota dheeraaf turuu himu.

Adoolessa 7,2021 pirezidaantiin naannoo Amaaraa Agenyehuu Tashaagar ibsa kennaniin, ”Walqaayit Xagadeefi Raayyaa deebisanii qabachuuf sochiin taasifamaa jiru ummata Amaaraa biratti fudhatama hin qabu. Gaaffiin Walqaayit gaaffii eenyummaa ummataa Amaaraa waggoota 30ti,” jedhan.

Gama biraan hogganaan TPLF, Dr Dabretsiyoon G/ Mikaa’el, ‘lafa naannoo Amaaraan humnaan nu jalaa qabame yoo gadhiisanii hin bahan tahe qabsoofne deebifanna,” jechuun Adoolessa 13 ibsa kennan.

Yeroo ammaa kanas, waraannii duraan Tigraay keessa ture gara naannoollee ollaa Amaaraafi Affaariitti babal’achuun gaggeeffamaa jira.

‘Garee Shororkeessaa jedhame waliin marii taa’uu…’

Waldhabdeen mootummaa Federaalaafi humnootii naannoo Tigraay gidduu ture cimee itti fufuun walqabatee paarlaamaan Itoophiyaa TPLF ”shororkeessaa” jechuun farrajunsaa ni yaadatama.

Waraana baatiiwwan saddetiif gaggeeffameen booda mootummaan Federaalaa dhukaasa dhaabuu namoomaa gar-tokkee labsuun loltoota isaa muraasa naannicha keessa baasuuf kan dirqamee humnaan caalamuu fi tokkummaa uummata tigiray yeroo ibsaan gurmaa’uudhaan loltoota hangan xiqqaa yeroo argan tarkaanfii daboo irratti fudhachaa kan turaniifi ajaajonni waraanaa hedduun kan ofiin of ajeessan ta’uu ibsaanii tigiraay keessa bahaanii uumata gachaana nuf ta’uu wajjiin loluu akka qaban miidiyaaf ibsa kennanii turan.

Haata’u malee, humnootiin Tigraay deebiisanii irra caalaa naannichaa of harka galfatani, labsii dhukaasa dhaabuu mootummaan labse fudhachuu caalaa haaldureewwan mataasaanii qabatanii as bahan.

Itti aansees humnootiin TPLF daangaawwan naannolee ollaa kan ta’an Amaaraafi Affaar keessatti lola gaggeessuu itti fufan.

Sababii humnootiin Tigraay lola itti fufuuf murteesseef ulaa deeggarsa namoommaan mootummaa Fedeeraalaan cufame cabsuufi mootummaan Federaalaa haaldureewwan isaan lafa kaa’an akka fudhatuuf dirqisiisuuf ta’u miseensa komaandi poostii Tigraay Janaraal Tsaadiqaan Gabratansaa’ii dhiyeenya kana BBC News Hour tti himanii turan.

Haata’u malee, deebii Ministirri Ijaarsa Dimokraasii Obbo Zaadiig Abarahaa yaada Janaraal Tsaadiqaan kanarratti BBC’f kennaniin turaniin, mootummaan haaldureewwan gareen TPLF kaa’e akka hin fudhanneefi mootummaan isaanii TPLF waliin osoo hin taane qaamoolee Tigraay bakka bu’an kan biroo waliin mari’achuuf fedhii akka qabu dubbatan.

Ofii seeraan qaama ”shororkeessaa” jedhamuun farraje waliin marii taasisuun ni danda’amaa? jechuun gaaffii dhiyaate Dr Adam akkasiin filamaatawwan jiran ibsan.

”Karaa adeemsa seeraatiin ‘shororkeessaa’ jedhamuunsaanii mariif mijataa miti. Haa ta’u malee, mariif yoo barbaadame paarlamaan murtee kana kaasuun ni danda’ama” jedhan Dr Adam Kaasee.

Yoo kun hin taanee ammoo filmaannni gara biraa jiraachulleen ni kaasu Dr Adam. ”TPLF osoo hin taane humnoota Tigiraay waliin jechuun marii jalqabuu ni danda’u. Garuu ammoo humnoota TPLF alatti hambisuun furmaata waaraa fiduuf yaaduun rakkisaa ta’a,” jedhan.

Namoonni dhuunfaa yakkaan himataman TPLF keessaa waan jiraniif sun danqaa biraa ta’uu danda’a kan jedhan oggeessi seera kun, ”fedhiin yoo jiraate garuu dhimma seeraa kana biras darbuun ni danda’ama,” jedhu.

Tokkicha haal-dureewwan irratti yoo wal ta’an, mariif salphisuuf gama paarlaamaan kaasuun ni danda’ama kan jedhan Dr Adam, rakkoon kun amma kan Tigiraayiifi Amaaraa qofa osoo hin taane naannoolee kaan keessas waan galeef dhukaasa dhaabuufi deeggarsi namoomaa akka dhiyaatu gochuuf jalqaba walii galuu qabu jedhan.

Waraanni naannoo Tigiraay mootumma Federaalaafi humnoota Tigraay gidduutti jalqabe amma ji’oota sagal lakkoofsiseera. Lubbuu kumaatama galaafatee, miliyoonota ammoo qe’ee isaaniirraa buqqiseera. Mootummootni addunyaaf uguuraa garagaraa mootummaa Itoophiyaa fi Ertiriyaa irra ka’anii turan, mootummaan feederaala yakka duguuggaa sanyii rawwachuu hin ooluun himatama. Hariiroon Dipiloomaasii Itiyoophiyaan biyyoota dhihaa waliin qabdu kan lafe fi addaan cite, Imbaasiiwwaan 30 ol kan cufamaan yoo ta’uu waamicha duulaa waraanaaf(biherawi witidirina, kitat) mootummaan federaaalaan namni umuriin isaa lolaaf ga’ee akka hirmaatuuf darbee jira. Ilaalchi jibbiinsa sanyummaa miidiyaalee mootummaatiin kan afarfanaa oolaan ta’uun sodaan waliin waraansaa sanyuummaa kanneen akka Ruwaandaa uumamuu mala kanneen jedhaan hedduu yoo ta’aan mootummaan Naannoo Amaraa ifatti saba tigiraay yoo baleessine malee boqonnaa hin argannu jechuun, muummichi ministeraa Abiy Ahmad jechoota aramaa, seexana jedhu fayyadamuun, diroonii kadhachuu fi waliigaltee lolaa gochuuf as fi achii fiiguun isaanii yaaddoo keessa kan galan kan mul’isu yoo ta’u WBO fi waraanni Uumata Tigray wal ta’umsa uumuun hedduu kan isaan yaadessee ta’uu isaaf “gachaana sirnaa Nafxanyaa eeguudhaaf leenjiin kadiireen badhaadhiinaa sadarkaa sadarkaan jiruu idilee gochaachuun ni mul’ata. Kunis tarkaanfiwwaan WBOn magaaloota Oromiyaa dhuunfachuun dabalaa adeemuu fi Humni waraana uumata Tigray cimuun lola geeggessaa jiraachuun haalaan yaddoo hammeessee jira.

1 thought on “Waraana Tigraay: Waldhabdee daangaa Amaaraafi Tigraayiif furmaanni waraanaan moo seeraan?”

Leave a Reply

Please log in using one of these methods to post your comment:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s