Categories
TOP NEWS

Mormiin Naannoo Tigray keessaatti dhohee oole; lolli waraana mootummaa fi waraana naannoo Tigray jidduutti cimee kan itti fufe yoo ta’u; Mootummoonni Gamtoomaan bilbilli naannoo tigiray keessatti iddootti akka deebi’uuf mootummaa itiyoophiyaa irratti dhiibba gochaa jiru

Mootummaan magaala maqalee to’achuu erga beeksise as mormiin uumataa yeroo jalqabaatiif har’a dhohee jira. Kunis yakkaa guyyaa guyyaan waraanni mootummaa jiraatoota irratti rawwatuu fi sarbaa mirga namoomaa geggeessaa jiru dura dhaabachuudhaan fincila diddaa garbummaa fi falmi mirga ofiin of bulchuu akkasumas hiree ofiin murteeffannaa uumata Tigiray haalan kan calaqisisee ture. Uumanni sodaa du’aa fi dararama waraanan isaan irra gahe of irra finciluuf siyaasa Uumanni Tigiray raayya ittisa biyyaa wajjin dhaabatan jedhu kan falleessee fi soba ta’uu isaa ifatti baasee kan mul’ise dha. Akka odeeffannoon achi irra arganne ibsutti akkasumas obboo Geetachoo Raddaa karaa foodda Televiziyoona Naannoo Sagalee wayyaanee fi Televizina Tigiray kennetti wal waraansi fi wal dura dhaabbannaan qamoota hidhatan laman jidduutti jiru cimee kan itti fufee fi ibsi Muummichi ministeera Abiy Ahmaad tibba darbe waraana xumurree injifannoo gonfannerra jedhu mamii keessa kan galee fi waraanni gaggamaa namoota nagaa irra gahu amma illee kan itti fufe jiruu ta’uu fi mootummoonni Gamtooman ibsa dhiyeenya baaseen sararri bilbilaa naannoo Tigiray keessatti adda citee ture atattamaan akka iddootti deebifamu mootummaa itiyoophiyaa akeekkachiisuun ibsamee jira.

By AMBO TV

Voice of Voiceless